Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF kabaja ayyaana irreecha dura dhaabbachuuf humna poolisii Federaalaa fi poolisii kora bittinneessaa jedhamu humnaa ol kellawwaan biyyaattii fi magaalaa bishooftuu irratti bobbaasuun sakkatta’insa guddaa gaggeessa jira.
Onkololeessa 4/2014 Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF kabaja ayyaana irreecha dura dhaabbachuuf humna poolisii Federaalaa fi poolisii kora bittinneessaa jedhamu humnaa ol kellawwaan biyyaattii fi magaalaa bishooftuu irratti bobbaasuun sakkatta’insa guddaa gaggeessa jira.
Guyyaa kaleessaa Onkololeessa 4/2014 irraa eegaluun mootummaan abbaa irree Wayyaanee TPLF kellawwaan biyyaatti gara magaalaa Finfinneetti geessuu fi dandiiwwaan kallattii hundaan gara Ayyaanaa Irreechaa Hora Arsadiitti geessan hundarratti humna poolisii Federaalaa fi kora bittinneessaa ofiin jedhu bobbaasuun Sakkatta’insa guddaa Uuummata Oromoo godinaalee Oromiyaa hunda irra kallaattii garaagaraan adeema jiran irratti gaggeessuun gufuu guddaa ayyaanichaa ta’aa jira. Namoota uffata Abbaa gadaa uffatanii fi uffaata Odaa sirrii of irra qababan uffatan irraa saamaa jira, dargaggootni Oromoo hedduun gara Ayyaanichatti adeema jiran irraatti qorannaa addaa gafggeessuun waraqaa eenyummaa gandaa gaafachuun akka bakka Irreeffannatti hin darbinee humna waraanaa kanaan ittifama jiru, namootni uffata abbaa gadaa fi uuffata aadaa Oromoo calaqisiisuu sirnaan uffatanii gara Irreechatti adeemaa jiran humna poolisaa fi waraana wayyaaneen daandii irra hiriirseen doorsifama jiru. waraannii hin humnootni tikaa waayyaanee uummataa nagaa aadaa, eenyummaa, Oromummaa fi Amantaa isaa Ibsachuuf adeemuun isin miseensa ABOti, uffatni isin uuffattan kunis alaabaa ABO ti jechuun uummata doorsisuuf yaalii guddaa godhanis uummatni gaamtaan jala dhaabbachuun eenyummaa, amantii, aadaa fi tokkummaa keenyaa fi kabaja nuti ayyaana Irreechaaf qabnu irraa eenyumti iyyuu booddetti nu deebisuu hin danda’uu jechuun uummaanni gamtaa isaa jabeeffatee gara malkaa Irreechaa Hora Arsadiitti adeemaa jira.
Mootummaan waayyaanee akkuma amala isaa barabaraan ayyaana Irreechaa irratti ukkamsaa uummatichaaf qabu argisiisuuf sakkatta’insaa fi uummata nagaa qabee hidhuun shororkeessuu baranas kan itti jiru ta’uu maddeen keenya gara Ayyaana Irreechaa Hora arsadiitti Adeema jiran waan uummata irra ga’aa jiru nuuf ibsa jiru. dargaggootni Oromoo loltootaa fi poolisoota wayyaaneetiin illee qabamaa jiraachuun maddeen keenya ibsa jiru, maqaa namoota utuu gara Ayyaanaa Irreechaa Hora Arsadiitti adeemaa jiranii qabaman kan isin qaqqabsiifnu ta’a.