Monday, October 20, 2014

Gabaasa Hiriira Nagayaa Hawaasa Oromoo Cairo

EgyptCairoRally2014_5
Onkoloolessa/October 20, 2014 · Finfinne Tribune  Gadaa.com
Hiriirri nagayaa miseensota hawaasa Oromoo biyya Masrtiin magaalaa Cairo fuuldura waajjira UNHCR irratti geggeeffame milkiin xumuramee jira. Akkuma durfamee hubachiifame kaayyoon hiriira kanaa ilmaan Habashaa biyya Masr jiran case baqatummaa Oromoo fudhatama dhabsiisuuf jecha Dilbata ganama saáa 8pm irratti hiriira waamanii turan fashalsiisuu ture.
Haaluma kanaan, baqattoonni Oromoo magaalaa Cairo keessatti argaman kan lakkoofsaan dhibbootatti herregaman hiriira kana irratti argamuudhaan dhaadannoolee farra Habashootaa afaan Ingliffaan, Afaan Oromoo fi Arabiffaan dhageessisanii jiru. Hunda caalaa hiriira kana irratti lammiileen Oromoo naamusa jabaa akka sibiilaa agarsiisuu isaaniitiin geggeessitoota waajjira UNHCR irraa dinqisiifannoo guddaa gonfatanii jiru.
Injifannoon hiriira kana irratti argame inni guddaan, guyyaa, saáatii fi bakka itti Habashoonni wal gahanii dhimma baqattummaa Oromoo fudhatama dhabsiisuuf dhaadatanii dhufan irratti lakkoofsa guddaadhaan argamanii dura dhaabbannoo qaroominaan guutame agarsiisuu danda’uu dha. Kunis akka geggeessitoonni waajjira UNHCR Habashoota caalaa Oromoof xiyyeeffannoo gaarii kennan gochuu danda’eera.
Namoonni hiriira kana irratti argaman tokko tokko yaada kennataniin akka jedhanitti, hawaasni Oromoo hiriira kana irratti argame murtee yeroo isaa eeggate kana hatattamaan fudhachuu isaatiin dhageettii silaa warri Habashaa argachuu malte harkatti doomsee jira jechuun gammachuu itti dhagahame ibsatanii jiru. Gara fuula duraattis bakka mirgi Oromoo tuqamu kamuu irratti osoo yeroo hin kennin hatattamaan argamuun sagalee qaban dhageessisuuf qophii tahuu isaanii mirkaneessan. Miseensonni hawaasichaa kun yaada isaanii yoo itti fufan, yeroo diinni mirga Oromoo biyya keessatti ukkaamsee quufuu dadhabee biyya baqaa keessattis mataa irra nu bahuu barbaadu, boru iftaan baanee balaaleffanna jedhanii lafa irra harkisuu yaaduun ‘eega waraabessi dabree sareen dutuu dha’ eega jedhanii booda, Oromoon Oromummaan itti dhagahamu hundi tarkaanfii yeroo isaa eeggate akkasii fudhachuu irratti gara fuulduraaf akka of qopheessu waamicha dhiheessanii jiran.
Hiriira kana irratti dargaggoonni, shamarran, manguddooleen, joolleen, haawwanii fi haadholiin harma hoosisan osoo hin hafin daa’imman isaanii fudhatanii dhihaachuudhaan sagalee mirga Oromoof falmaa oolanii milkiin galuu danda’anii jiru.
EgyptCairoRally2014_3
EgyptCairoRally2014_2
EgyptCairoRally2014_1
EgyptCairoRally2014_4
EgyptCairoRally2014_5
EgyptCairoRally2014_8
EgyptCairoRally2014_7
EgyptCairoRally2014_6
Gadaa.com

No comments:

Post a Comment