Wednesday, October 8, 2014

Sadaasa 9 Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa Waggaa 9ffaa, 2014


Onkoloolessa 7, 2014
Yaadannoo-FDG-Sadaasa-09-4Bara 2005 waamicha ABOn ummata bal’aa Oromoof haaromseen Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG)n guutuu Oromiyaa keessatti erga bifa ho’aan qabsiifamee haga har’aatti bifa adda addaan mootummaa gabroomfattuu wayyaanee akka guggubaa jiru eenyullee haaluu hin danda’u.

Ebla Bara 2011 warraaqsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo erga finiinuu jalqabee kaasees guutuu Oromiyaa keessatti Qeerroon Oromoo (Barattootnii fi Dargaggootni) sabboontotaa fi walii galatti ummata Oromoo bal’aan walta’uun FDG bifa adda addaan mootummaa gabroomfataa wayyaanee irratti qabsiisuun ummatni Oromoo bilisummaa kan barbaadu ta’uu ifatti mul’isaa jiran.
Addatti bara 2014 kana keessa qooda Qeerroo Bilisummaa Oromoon (Barattootaa fi Dargaggoota)n warraaqsi FDG fi Falmaan Mirga Abbaa Biyyummaa sirna gabroomfataa wayyaanee irratti qabsiifame haga har’aatti mootummicha guggubaa, QBOf injifannoo galmeessaa jira. Fincila deemaa jiru kana keessattis wareegamni qaqqaaliin kafalameera; kafalamaas jira. Dargaggootni, barattootnii fi sabboontotni Oromoo Bilisummaan Oromoo kan hin hafne ta’uu lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne wareeganii mirkaneessaa jiran. Ilmaan Oromoo qaroon, beekoo fi hubatoon, kanneen biyyaa fi ummata isaanii caalchifatan dhiiga dhangalaasanii, lafee cabsanii bilisummaa balbala Oromoon gahanii jiran. Bara baraanis seenaan QBO isaan yaadata!
Kanaaf Sadaasni 9 (November 9) Guyyaan Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) bara 2014 kanaa Oromiyaa keessaa fi biyyoota alaa bakka Oromoonni itti argaman maratti kan duraarra haala o’aa fi adda ta’een ilmaan Oromoo qaalii fi muratoo kanneen lubbuu isaanii wareegan kana yaadachuu, hojii qaalii isaan dalagan faarsuun yaadatamee fi kabajamee oola. Qeerroo fi Qarree Oromoo, barattootaa fi sabboontota keenya FDG keessatti bilisummaa sabaaf jecha lubbuu isaanii aarsaa godhan haa yaadannu! Kabajaa Gootota Sabaaf Qabnu Agarsiisuun Dirqama Lammummaa Oromoo ti! Obbolootaa fi lammiiwwan keenya hidhaa gabroomfataa keessatti gidirfamaa jiranis haa yaadannu! Yaadachuu qofas osoo hin taane, karaa ittiin FDG caalaatti jabeessinu, QBO finiinsinuu fi gumaa jaallan keenyaa bilisummaan baasnu irratti ejjennoo lammummaa qabannee murtii marii keenyaa hojiitti haa jijjiirru.
Oromoon of irratti amantaa godhatee sagalee tokkoon, irree gamtoomeen yoo ol ka’ee diddaa mul’ise halkan tokkotti hidda gabroomfataa isa xaxee jiru cicciree, irree cunqursitootaa isa irra ciisee gadi isa qabe of irraa darbee bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa isaa gonfachuu akka danda’u FDGn waggaa kana keessa geggeeffamee fi ammallee geggeeffamaa jiru caalaatti nama hubachiisa.
Fincila kanaan Oromoon akkasumas ilmaan isaa dargaggootnii fi barattootni Qeerroo fi Qarreen akkasumas sabboontotni dallaa shira siyaasaa roga adda addaan diinni ijaare diiganii falmaa finiinsuun humna Oromoon qabu diinattis firattis mul’isaniiru. Bilisummaan Oromoo, walabummaan Oromiyaa lubbuun itti bahee, dhiigni itti dhangala’ee, lafeen itti caccabee kan hin hafnee fi bakka gahu ta’uu hojii fi gootummaan mul’isaniiru; mul’isaas jiran.
Kanaaf muuxannoo fi jabina akkasumas injifannoolee Fincila Diddaa Gabrummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoon argaman kuufachaa, fincilaa fi diddaa caalu, qabsoo roga maraa kan bilisummaa balbala geesse ol seensisutti nu geessuuf of qopheessuun, bakkayyuutti irree tokkoomee fi gamtoomeen diina dura dhaabbachuun, akeeka jaallanii fi ilmaan Oromoo qaqqaalii lubbuu kitimaa godhanii bakkaan gahuuf mudhii hidhannee murannoon haa warraaqnu.
Ilmaan Oromoo, Sabboontotnii fi Qabsaawotni Fincila Diddaa Gabrummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti wareegaman bara baraan ni yaadatamu!
Kaayyoo fi Akeeka Gootowwan Oromoo Irratti Wareegaman Bakkaan Ni Geenya!
Sadaasni 9 Guyyaan Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) Bara Baraan Ni Yaadatama!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)
Onkoloolessa 2014

No comments:

Post a Comment