Thursday, April 30, 2015

Breaking News:- Oromiyaa Bakkoota Garaa Garaa Keessatti Barattooti Manneen Barnootaa Dhaabuun Oromoota FDG 2014 Irratti Wareegamanii fi Lammiilee Liibiyaatti Dhumaniif Uccuu Gaddaa Uffachuun Yaadachaa Jiru.

Ebla 30, 2015 Finfinnee
Gadaa11Har’a dhaabbileen barnootaa barumsa dhaabuudhaan hucuu gaddaa uffatanii barattoota waggaa darbe wareegaman yaadachuu fi akkasuma addatti uummata Oromootiin yaadannoon gaddaa dhiyoo biyya Liibiyatti namoota ajjeefaman kan lammiin Oromoo keessa jiru irratti ta’e gaddaa jirama.
Ebla 30,2015 har’a Yuuniversitiileen kanneen akka Adaamaa, Amboo, Wallaggaa, Mattuu, Dirre Dawaa, Bulee Horaa, Madda Walaabuu, Hawaasa fi Jimmaa barumsa dhaabuun hucuu gaddaa uffatuudhaan daandii bahanii yaadannoo taasifamaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa. Manneen barnootaa sadarka garagaraa lixa Shaggar keessatti argaman Amboo, Calliyaa,Baabbichoo, Miidaqany, Xiqur Incinnii sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga oliitti barumsi dhaabbatee daandiitti bahuudhaan barattootani yaadannoon gadda mootummaa Wayyaanee balaaleffatuun agarsiisaa jiru. Alaabaan manneen barnootaa keessa jirus kan Oromiyaas gadi butuudhaan, Akka walii galaatti dhabbileen barnootaa barumsa dhaabuu fi itti fufuudhanis Warraaqsi Bilisummaa itti fufaa jira.

No comments:

Post a Comment