Friday, April 3, 2015

Oromiyaa Keessatti,Zayita,Shukkaara,Saamunaa fi Dhiyessii Guyya Guyyaan Uummati Barbaadu Gabaa Irraa Dhibuun Jireenya Daran Hadheessaa Jira.

Gabaasa Qeerroo Ebla 2,2015 Naqamte
Rakkoo Zayitaa fi Shukkaaraa Magaalaa Naqamte
Rakkoo Zayitaa fi Shukkaaraa Magaalaa Naqamte
Mootummaan Wayyaanee Zayita,Shukkaara,Saamunaa fi meeshaalee guyya guyyaan uummati barbaadu harkatti galfatee uummati rakko guddaa keessa jira. Yeroo ammaa kanatti magaalaa Oromiyaalee adda addaa keessatti uumanni Oromoo Shukkaaraa fi Ziyita nyaataa akkasumas waanneen jireenyaaf barbaachisoo ta’an akka fedhee fi bakka fedheen yeroo barbaadetti bitatee fayyadamuu hin dandayu. Hiriira guyyaa guutuu dhaabisisuun darabee galee mootummaa irraa raabsii bittaa eeggataa jira.
Suurri as irratti maxxanfame kun akka fakkeenyaatti Ebla 2,2015  magaala Naqamtee keessa hanqina zyitaa fi sukkaaraa mudateen uummati, hoteelonni fi manneen nyaata cufamuuf jedhutti hiriira galee uumanni bitachuufuu yerootti dadhabee deebi’u gahee jira. Haalli kun magaalota Oromiyaa kanneen kaan keessattis wal fakkaataa dha.
Kunis kan muldhisu mootummaan Wayyaanee gara kufaatiitti waan deemuuf akka fedhetti uumata hagabsee fi dhiheessii barbaachisu irraa kutee abdii kutachiisuuf sochii godhu ta’uu jaajjabdoonnii fi jiraatoti ni dubbatu.

No comments:

Post a Comment