Thursday, April 9, 2015

Farreen QBO Kibba Oromiyaa fi Keeniyaa-Naayroobiitti bobbaafaman

Sochii diddaa gabrummaa qeerroo/barattoota Oromoo fi QBOtiin raafamarra kan jiru mootummaan wayyaanee, sirna isaa kufaatiirraa baraaruuf ergamtoota bobbaafatee duula adda addaa gaggeessaa akka jiru, yaaliin karaa OPDO fi garaaf-bultootaan biyya keessaa fi biyyoota alaa adda addaatti taasisaa jiru ni agarsiisa. Ummata Oromoo yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa isaa jabeeffatee fi cichoominaan ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa gaafataa jiran akkasumas gooticha Oromoo WBO goleelee Oromiyaa adda addaatti diinarratti tarkaanfilee fudhataa jiru cinaa dhaabbachuun sochiin taasisaa jiru akkasumas jabinni jaarmayaa hawaasa Oromoo biyyoota alaa gartuu faashistii wayyaanee dhiphuu ulfaataa keessa galchuurraa, qondaalota OPDO ol’aanoo sirnichaaf amanamoo dha jedhaman kan akka Abbaa Duulaa dhamaasaa jira.
Ergamtoonni qondaalota OPDO ti ofiin jedhan kunneenis fedhii gooftolii isaanii Daddabiit keessatti isaan dhodhoobanii guutuuf umrii gabrummaa Oromootti dheeressuuf Oromiyaa fi biyyoota alaa adda addaa keessa fiiguu fi fakkaattota isaanii fiigsuutti jiru. Kanaanis biyya keessaa humnoota hidhattootaa fi basaasota akkasumas farreen harka mirgaa wayyaanee tahan irratti tarkaanfii adabbii fudhachaa kan jiru WBO sochii isaa danquuf, danda’an ugguruuf amanamtoota isaanii fi farreen QBO leenjifatanii bobbaafataa jiru. Akkasuma biyya ollaatii ammoo ilmaan Oromoo hiraara sirnichaa jalaa dheessanii baqattummaan jiraatan keessa humnoota ergama farrummaa itti laatan kana loosanii seensisuudhaan akka isaan sochii QBO cinaa hin dhaabbannee; gartuu wayyaanee deeggaran gochuuf sossohaa jiru. Kanaafis WBO Zoonii Kibbaatti akka duulanii sochii isaa basaasanii fi sochii isaa daquurratti akka hojjetaniif akkasumas biyya ollaa Keeniyaattis baqattoota Oromoo QBO irraa deebsisuu fi hiraarsuuf akka hojjetaniif lukkeelee ergamticha gameessa wayyaanee Abbaa Duulaa Gammadaatiin kaadhimamanii magaalaa Adaamaatti leenjiin basaasummaa kennamaafii jiru akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.
Ragaan arganne akka ifa godhutti, ergamtoonni qochuma isaanii guuttachuudhaan hawwii wayyaanee-OPDO galiin gahuuf sossohan kunneen QBO laamshessuu fi WBO Zoonii Kibbaa sochii isaa danquuf hojii basaasummaa irratti geggeessuu kan jedhuun akeeka diinaa galiin gahuuf akka hojjetantu barame.
Ergamtoota Lameen kun leenjii farrummaa wayyaanedhaan magaalaa Adaamaatti kennameef erga xumuratanii booda bobbaafamuuf jiran keessaa Hasan Sheek Bashiir Ykn  Hasan Sheekaa kan jedhamu isa tokko. Umriidhaan nama waggaa torbaatamootaa keessa kan jiru lukkeen kun, QBOtti shiruu fi sochii WBO danquu kan jedhuun amanamaa wayyaanee Abbaa Duulaa Gammadaa irraa kallattiidhaan ergamni kan itti kenname dha. Abbaa maatii hedduu tahuu fi maatiin isaa biyya Ameerikaa akka jiran odeeffannoon argame kan ibsu yoo tahu, ergama kana galiin gahuudhaafis Abbaa Duulaatiin Birriin Itoophiyaa 500,000 kennamuufii, yoo ergamicha galiin gahe ammoo magaalaa Adaamaatti lafti mana irratti ijaarratu tola akka kennamuuf waadaan seenamuufiitu saaxilame.
Ergamaan umrii manguddummaa silaa waan biyyaa fi sabaaf tolu itti dalaganitti hojii qaanii fi salphinaatti bobbahe Hasan Sheek Bashir YKN Hasan Sheekaa jedhamu kun, maqaa baqattummaatiin Keeniyaatti eeyyama baqattummaatiin (Maandeeta UNHCRn) Naayroobii keessa jiraataa akka ture baruun danda’ameera.
Lukkeen qondaalota OPDOtiin dirqama wayyaanummaa itti kenname akka galiin gahuuf Adaamaatti leenjii fudhataa jiru biraan ammoo, Irree Buusisoo nama jedhamu dha. Akka ragaan harka keenya gahe ibsutti, ergamaan diinaa duraan waraana Dargii ture kun QBO keessa erga seenee booda dalagaa farra-qabsoo hojjetaa tureen qabsicha keessaa tufamuudhaan sochii QBO danquuf, tokkummaa sabaa fi qabsaawota Oromoo diigudhaaf hojjechaa ture. Lukkeen diinaa akeeka dhoksaatiin sossohaa ture kun bara 2005 gara dhumaatti magaalaa Naayroobii irraa karaa Imbaasii Wayyaanetiin dirqamni addaa itti kennamee Oromiyaatti deebi’uun Kibba Oromiyaa magaalaa Nageellee Booranaa keessa naanna’uudhaan sabboontota Oromoo diinaaf saaxilee gidiraa ulfaataaf afeeraa ture.
Fedhii diinaa galiin gahuudhaaf biyya keessaa fi alattis hojii farrummaa itti fufiinsaan hojjechuu kan akeeka taasifate ergamaan Irree Buusisoo jedhamu kun, wayta dirqama farrummaa Oromiyaatti raawwataa bahe xumuratu ammas biyya ollaa Keeniyaatti deebi’uudhaan lammiilee Oromoo shira adda addaa xaxee gargar qoqqooduudhaan akka walshakkanii fi wal irratti duulan taasisee irree tokkummaa isaanii laaffisuu fi QBO irraa deebisuuf hojii diinummaa raawwataa akka ture ragaan arganne ni addeessa. Sochii farrummaa raawwateen milkaayee gooftolii isaa gammachiisuu kan dadhabe jaleen wayyaanee kun, maatii isaa fudhatee mooraa baqattootaa Dhadhaab erga seenee booda, Abbaa Duulaa Gammadaatiin waamicha taasifameef fudhatee ergaa diinummaa biraatiif kaadhimame.
Haaluma kanaanis akkaataa QBO duubatti deebisanii fi deeggarsa dhabsiisan akkasuma sochii WBO Zoonii Kibbaa danqan irratti Adaamaatti leenjiin erga kennameefii booda, akkuma ergamticha Hasan Sheek Bashir, innis Birriin Itoophiyaa Walakkaan Miliyoonaa (500,000) laatameefii, lafti mana irratti ijaarratu akka kennamuuf waadaan seenameefii karaa Imbaasii Wayyaanee Naayroobii jiruutiin mirga baqattoota Oromoo sarbuu fi dirqamaan biyyatti akka galaniif shira xaxuuf sossohaa jira.
Ergamtoonni Hasan Sheekaa fi Irree Buusisoo jedhaman kunneen biyya ollaa Keeniyaarraa gara Oromiyaatti waamamanii ergama wayyaanee akka galiin gahaniif magaalaa Adaamaatti leenjiin kennamaafii jira. Akkuma leenjii diinummaa kana fixataniinis gara Naayroobiitti deebi’uudhaan akkuma duraanii baqattoota fakkeessanii of dhiyeessudhaan ummata keessa naanna’anii sochii siyaasaa Baha Afrikaa addatti ammoo falmaa mirgaa ummatni Oromoo wayta ammaa kana gaggeessaa jiruu fi sochii WBO Zoonii Kibbaa qoratu.
Kanaanis baqattoota ilmaan Oromoo Keeniyaa-Naayroobii fi naannoo isiitti argaman hunda akka isaan hin beeknetti itti dhihaatanii dubbisuudhaan akka waan rakkoo  isaanii qooddataniif fakkaatanii dhiyaachuuf maallaqa ergama diinummaa akka galmaan gayaniif itti kenname akka waan baqattootaaf nahaniitti laachuufiin ittiin sossobachuuf dhama’uun akeeka farreen diinni qopheeffataa jiru kanaa ti.
Baqattoota Oromoo sossobbii fi gowwoomsaa isaaniif jilbeenfatanis Kominitii Itoophiyaa jalatti ijaaruudhaan warreen baqattummaadhaan seeraan galmaa’anii jiran waraqaa Maandeetaa kan UNHCR harkaa akka fuudhamu tattaafachuun Imbaasii Itoophiyaa harka galchuun mirga baqattummaa isaanii akka balaaf saaxilan gochuudhaan magaalaa Adaamaatti leenjiin wayyaanedhaan kennamaafii jira.
Ergamtootni ergama diinaa adda durummaan fudhatanii shira Oromoo irratti dalaguuf murteeffatan kunneen baqattoota Oromoo Naayroobii keessa jiran karaa isaan hin beekneen golgaa adda addaa tolfatanii itti dhihaachuun keessaafuu rakkoo dinadgee baqattootni qabaniin dahachuudhaan ilmaan Oromoo QBO irraa deebisuu fi wayyaanee cinaa hiriirsuuf akkasumas dhimma (gaaffii baqattumaa) ilmaan Oromoo UNHCRtti dhiyeeffatan busheessanii dhiyeessuun akka fudhatama dhabanii fi dirqamaan biyyatti deebifaman gochuudhaaf tattaafatu.
Leenjiin ergamtoota lameen gara Naayroobiitti bobbaafamuudhaan hawaasa Oromoo Keeniyaa jiru akkasumas WBO Kibba Oromiyaa jiru irratti akka hojii basaasummaa geggeessaniif kennamaafii jiru isaan qofa odoo hin taane, lukkeelee ergama diinummaa fakkaataa baadhatuudhaan kallattii adda addaatiin bobbaafamaniifis kennamaa akka jiru maddeen keenya gabaasaniiru. Duulli basaasota ergama farrummaa itti kennanii Oromiyaa keessaa fi biyya ollaatti bobbaasuu sirna wayyaanetiin gaggeeffamaa jiru kun, qaamuma duula sirnicha kufaatii jalaa baraaruuf OPDO qabatamee gaggeeffamaa jiruu ti kan jedhan maddeen keenya, lammiileen Oromoo kana hubachuudhaan of eeggannoo feesisu akka taasisan dhaaman.
Walumaagalatti ummatni Oromoo fi baqattootni Oromoo biyya Keeniyaa magaalaa Naayroobii fi naannoo ishee jiraatan duula wayyaaneen basaasota leenjiseen irratti gaggeessuuf saganteeffate kana dursanii itti dammaquudhaan akka irraa of tiksan akkasumas gochaa cubbamaa fi faallaa QBO tahe kana fashalsuuf tokkummaan akka dura dhaabbatan dhaamameera.
Warreen maqaa manguddummaatiin fedhii fi hawwii Ummta Oromoo ukkaamsuun akeeka diinaa fi ergamtoota akka OPDO dhugoomsuuf maallaqaa fi dantaa adda addaan iji isaanii jaamee dunuunfatanii fiigaa jiran dalagaa qaanfachiisaa fi yakka seenaan dhiifama hin goone kanarraa hatattamaan akka deebi’an, tahuu baanaan salphinaa fi balaa irra gahuuf kan gaafatama fudhatu isaanuma tahuu sabboontonni akeekkachiisaniiru.

No comments:

Post a Comment