Tuesday, April 28, 2015

Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Ona Sulultaa Keessatti Hojjettooti Mootummaa Filannoo Mormitan Sababaa Jedhuun Akeekkachiisi Itti Kenname.

Ebla 27,2015 Sulultaa
images (1)Godina addaa naannawaan Finfinnee ona Sulultaatti filannoo mootummaan Wayyaanee gaggeessuuf jiruun wal qabatee dararaa yeroo ammaa hojjattoota mootummaa kanneen Oromoo tahanii fi uummata irra gahaa jiru daran jabaachaa dhufuu gabaasi Qeerroo addeessa.
Haala kanaan yeroo ammaa kana mootummaan faashistii TPLF jalee OPDOtti fayyadamuun maqaa tokkoshanee jedhuun uummata irraa abdii waan dhabdeef karaa kaadiree fi dabballoota isheen akka mallattoo tiisisaa/kanniiisa filatan mallatteessisuu qabdu gama jedhuun hojjataa mootummaa sadarkaa gandaa jiran hojii idilee isaanii dhiisanii akka ergaa EPRDF/TPLF  kana hojjatan taasisaa jiru.
Hojjataa mootummaa ergama isaanii kana morman ammoo akeekkachiisa fi doorsisaa garaagaraa irraan gahaa jiru. Addatti hojjattoota sabaan Oromoo tahanii fi miidhama saba isaanii hin barbaannee irratti yeroo garaa garaatti xaalayaa of eeggannoo jedhu itti barreessaa kan jiranii fi dorsisaa kan jiran tahuun ifatti mul’achaa jira. Hojjattooota yeroo ammaa of eeggannoon itti laatame jiru keessaa
  1. Obbo Abdii Masqalaa hojjataa Misooma qonnaa
2.Obbo Darajjee Tolaa hojjataa waajjira qonnaa
Kanneen ta’an keessatti argamu.

No comments:

Post a Comment