Saturday, April 4, 2015

Godina Horroo Huduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu Magaalaa Hagamsaa fi M/B Hagamsaa Sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa Keessatti FDG Haalaan Jabaan Itti Fufe.‏

Gabaasa Qeerroo Horroo Guduruu Ebla 2,2015
Ebla 2,2015 Barattootni Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu magaalaa Hagamsaa fi M/B Hagamsaa Sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa keessatti FDG haalaan jabaassuun itti fufan.
diddaa9Goototni barattootni Oromoo M/B Agamsaa sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa qabsoo FDG warraaqsaa gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoon biyyatti keessatti gaggeeffamaa jiru jabeessuun guyyaa kaleessa irraa eegaluun magaalaa Hagamsaa keesstti FDG kaasuun hiriira mormii sirna abbaa irree EPRDF irratti gaggeessuun hawwaanna uummataa guddaa kan argatanii fi uummatni Oromoo aanaa Amuruu magaalaa Hagamsaa jiraatu gootota barattoota Oromoo waliin hiriiruun abbaan irree EPRDF/TPLF/OPDO’n nu hin bulchituu mirgi keenyaa kabajamuu qaba, tajajila hawwaasummaa kanneen akka ibsaa,bishaanii fi networkii nurraa kutuun eenyummaa keenyaa fi falmii mirga abbaa biyyummaa gaggeessa jirruu nu dhaabsisuu hin danda’u, gaaffii mirgaa gaafachaa jirruuf hidhaan deebii hin ta’u,ajjeechaan deebii hin ta’u, doorsifnii deebii hin ta’uu, gaaffiin mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo fi gaaffiin dhimma Finfinnee hanga deebii sirnaa argatuttii FDG jabaatee itti fufa, doorsiisa,hidhaa fi ajjeechaan kan dhaabbatu miti jechuun ifatti ba’uun mootummaa abbaa irree Wayyaanee irrattii FDG qabsiisan.
Sochiin FDG guyyaa kaleessaa irraa egaluun Amuruu magaalaa Agamsaatti qabsiifame hanga guyyaa har’aatti guyyaa 2ffaaf itti fufee gaggeeffama jiraachuun goototni sabboontotni Oromoo magaalaa agamsaa irraa gabaasa jiru. Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee akkuma amalasaa humna
waraanaa fi poolisoota kora bittinneessa jedhaman irratti bobbaasuun uummataa magaalaa fi barattoota Oromoo gooluu irratti argama, yeroo
amman kanatti sabboontotni Oromoo fi goototni barattootni Oromoo baay’inaan gara 16 olitti lakkaa’aman humnaan qabamanii mana hidhaa
magaalaa Hagamsaa wajjira Poolisiitti darbamuu madden keenya gabaasa jiruu,

No comments:

Post a Comment