Thursday, April 16, 2015

Yuuniversitii Wallaggaa Keessa Guyyaan Gootota Oromoo Ebla 15 Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

Yuuniversitii Wallaggaa: barattootni mooraa Yuuniversitii Wallaggaa hucuu gaddaa uffachuudhaan, barumsa dhaabuun, nyaata lagachuudhaan kan kabajatan tahuu odeeffanaan isaa addeessa.  Humni waraana mootummaa Wayyaanee kanaan duras sodaa barattootni Oromoo Yuuniversitii kanaa gaaffii mirgaa kaasuun yeroodhaa yerootti falama dhugaa ifatti baasaniif qubatee tureef har’as guyyaa kana sodaa irraan gara mooraatti humni waraana cgeessuun buufatee oole, Barattootnis moorama keessaa osoo hin bahin guyyaa kana bifa qindaaween kabajuun gabaasni Qeerroo hubachiisee jira.

No comments:

Post a Comment