Wednesday, April 1, 2015

Wallagga Naqamte, Dargaggoonni Oromoo Godinaalee Adda Addaa Keessaa Walitti Dhufuun Sochii Warraaqsa Bilisummaa Jabeessuu fi Itti Fufuu Irratti Mariyatan.

Gabaasa Qeerroo Naqamte, Ebla 1,2015
logo
Wallagga Naqamte, Dargaggoonni Oromoo Godinaalee Adda Addaa Keessaa Walitti Dhufuun Sochii Warraaqsa Bilisummaa Jabeessuu fi Itti Fufuu Irratti Mariyatan.
Jaallan bakka bu’oota sochii Qeerroo Bilisummaa godinaalee adda addaa irraa walitti dhufuun dhimmoota qabsoo bilisummaa Oromoo fi akkaataa FDG jabinaan itti fufee galii kaayyoo walabummaa Oromiyaan gahamu irratti mariyatanii jiru.
Dargaggoonni Oromoo magaalota akka Amboo,Mandii,Gimbii,Dambi Dolloo fi Naqamate keessaa walitti dhufanii magaalaa Naqamtee irratti marii firii qabeessaa fi haala qabsoon bilisummaa Oromoo jabinaan itti fufu fi guyyaa gootota Oromoo Ebla 15 bifa wal fakkaataan akkaataa Oromiyaa guutuutti kabajatan irratti mariyachuu Qeerroon gabbaase.

No comments:

Post a Comment