Thursday, April 23, 2015

QEERROO: Har’a Ebla 22, 2015 Magaalaa Fifninnee Nannoo Hullooqoo Kormaa (Masqal Addabaabay) Jedhamutti Fincilli Jabaan Uumame, Humna Waraana Wayyaanee fi Uummata Gidduuttis Rukkuttaa Ta’een Gama Lachuu Irratti Midhamni Gahe

Gabaasa balinaan, Kaleessa akkuma gabaasne jirru lammiileen biyyaa Liibiyaatti gara jabeenyaan ajjeefaman guyyoota muraasa dura haala suukkanneessaa tahuun isaa dhala namaa kamuu kan hin dagachiisneeeha. Baqattoonni 28nuu keessaa hordoffii mootummaa Wayyaanee yeroo darbee FDG Oromiyaa keessatti dhalate mormii dhimma Master Pilaaniitiin mootummaa Wayyaanee dura dhaabbatanii falammii gaggeessuu irratti gara jabina mootummaa Wayyaanee baqachuu irraan dargaggoonni Oromoo hedduu naannoo garagaraatti godaansisee jira, Dargaggoonni kun mudatee jiru keessaa gochi kun kan irratti raawwatame kanneen akka Mangistuu Gashee, kaanis dargaggoota Oromoo maqaa hin argatin jiru, gochi kun dimshaashatti kan raawwate sabni Tigraay keessa waan jiruuf hiriirri taasifame kun hanga muummicha ministeeraa Wayyaanee hirmaachisutti gahus sababa mootummmaa wayyaanen biyya isaanii irraa bahanii carraan kun isaan kan mudateedha, kanumaan har’a hiriira taasifameen uummanni lakkoofsi isaa guddaa walakkaan ol uumata Oromoo kan tahe dhaadannoo hedduun, sirbis dhageessifameera.
Gadaa.com
Dhaadannowwan jedhamaa oolan,
1. Mootummaan Wayyaanee hattuudha,
2. Kan obbolaa keenya ajjeese mootummaa Wayyaaneeti,
3. Shorokeessaan mootummaa Wayyaaneeti, kan jedhuu fi dubbii muummichan jedhames uummanni isin hin dhageenyu jechuudhaan feshaleessan.
Uummanni sagalee dhageessisaa oole kana booda aangoo irratti isin hin barbaannujechudha, kanumaan dhagaan darbatame, poolisoonni Wayyaanee 50 ol tahan baayina uummataa hanga kana keessaa kan hubatame reebicha uummataan garmalee miidhamuun beekame akkasuma uummata keessas keessattuu dargaggoota irratti miidhaan guddaanis tahee jira baayeen suuran kan olkaa’ame gocha isaanii addeessus ni jira yeroo ammaa uummanni miidhamee jiru Hospitaala Gaandii fi Zawudiituu kan ciisan dhibbaan lakkaawamu, uummata gadda isaa ibsachuuf bahe irratti ammas miidhaa gurguddaan qaama mootummaa Wayyaameetiin irra gahamee jira.
Qabeenyaan manneen mootummaa naannoo kanatti argamanis dhagaadhan hojiin ala tahanii jiru, Yeroo ammaa naannoo hiriirri kun itti gaggeeffamee fi daandii Boolee, Waddeessa (Piyaassaa) geessu martiyyuu humna waraana Wayyaaneen eegamaa jira, uaummanni qe’ee isaatti hin galu jechuudhaan mootummaan wayyaanee nu fixeera jechuun iyyaa booyichaa dhageessisaa jira. Ammas kan itti fufu uummanni Oromoo jaallan keenya gochi kun irratti raawwate suuraa qabannee magaala Finfinneetti wal argee hiriira adeemsisiu Qeerroon waamicha isaa dabarsuu fedha.

No comments:

Post a Comment