Saturday, April 25, 2015

QEERROO: Mootummaan Wayyaanee Kallattiiwwan Shanan Finfinnee Irraa Bahanii Galan Irratti Konkolaataa Dhaabsisuudhaan Sakatta’a Eegale‏

Gabaasa Qeerroo Finfinnee – Ebla 24, 2015
Akkuma beekamu baatii baatiin Ebla uummata Oromoo biratti dagatamu miti, waggaa darbe wayita kana Oromiyaa keessatti FDG baarageen barattootni Oromoo, da’immanii fi maanguddoon lubbuudhaan wareegamuun kan dagatamu miti, baatiin kun bara baraan uummata Oromoo biratti kan yaadatamu ta’ee akka itti fufu dhiiga obboloota keenya baatii Ebla 2014 keessa dhangala’etu barabaraan nu yaadachiisa hafa. Haatahu malee mootummaan Wayyaanees baatiin kun isaaf sodaa guddaa itti tahuu irra darbee torbee kana keessa sochiin uummata biyyattii kan isa dhiphiseen humna waraana isaa bakka isa sochoosisee uummata dhaanuu fi hidhuu irratti kan xiyyeeffatee ka’ee jiruudha. Gadda uummanni asuma dhiyoolubbuun namoota mootummaa Wayyaanee baqatanii fi jireenya ofii fooyyessuudhaaf biyyaa bahanii harka diina fakkaataa mootummaa Wayyaaneetti kennamaniin ummanni hiriira baheen namootni nagaan humna waraana Wayyaaneen dhaanamuudhaan miidhamanii yeroo amma Hospitaala keessatti argaman lakkoofsa kan hin qabnee fi mana hidhaatti kan guuramanis lakkaawun kana jechuun kan hin danda’amneedha.
Gadaa.com
Mootummaan Wayyaanee uummata isaa qaba jedhuun jjibbamuu mirkaneeffatee jiraachuun abdii kutatee waraana uummata nagaatti bobbaasee kan jiruu fi amma ammoo magaalaan Finfinnee keessi ganda gandaan humna qabu ramadchiisee kan jiru tahuun beekamee akkasuma guyyaa har’aa addatti kan eegale Karra Shanan Finfinnee irraa bahan,
1. Karra Qirxii/ daandii Finfinnee irraa gara Kaabaa geessu,
2. Karra Qoree/daandii Finfinnee irraa gara Jimmaatti geessu,
3. Karra Alloo/daandii Finfinnee irraa gara Walloo ykn Dasseetti geessu,
4. Karra Qaallitti/daandii Finfinneerraa gara Bishooftuutti geessuu fi
5. Karra Gafarsaa/daandii Finfinneerraa gara dhiyaatti geessu.
Finfinnee irraa kan bahuu fi kan seenu konkolaataan dhaabbatee sakatta’amuu eegalee jira, humnootni addaa daandiiwwan kana cina bosonaa keessa dhangala’ee buufatee kan jiruu fi humni daanditti bahee mul’atus sakatta’iinsa jabaa konkolaataa gaggeessuu eegale, mootummaan Wayyaanee nageenyaa isaaf sodaa keessa seenuu kan mul’isuu fi wayita ammaa kanas diddaan barattootaa akka darbe sun ka’uu of sodaachuu humnuma waraana isaa keessaan odeessi loo’ee Qeerroo qaqqabaa jira. Dhaabbilee barnootaa kanneen akka Yuuniversitii keessattis xiyyeeffatamee kan jiru barataan akka waan meeshaadhaan of qopheessuu barataa kaayyoof bahe sakatta’uun karoorfamuun kan dhagayamaa jiruu fi Qeerroon (Dargaggootni oromoo) dhugaaf dhaabbatee harka isaa qullaa diina nama nyaataan falammii gaggeessuuf of qopheessee jiraachuu Qeerroon mooraa yuuniversitiilee garagaraa irraa gabaasee jira.
Mallattoon sodaa yeroo ammaa mootummaa Wayyaanee irraa mul’atus mallattoo kufaatii isaa tahuun waan nama hin shakkisiisneedha, kanumaan mootummaan Wayyaanee daandiiwwan konkolaataa irraa humna isaan sakatta’iinsa konkolaataa uummata sakatta’uu irratti xiyyeeffatee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.

No comments:

Post a Comment