Friday, April 10, 2015

“DIRAAMAA” FINCILA DIDDAA GARBUMMAA

Asoosesee kan seenessu—-Kumsaa dha
Kaayyon isaa —————– Uummata Oromoo tokkoomsufi. Sabboonummaa fi absoo bilisummaa jajjabeesufi. Rakkina ilmaan Oromoo gad baasufi falli isaa tokkummaan kanee lolachuu akka taye ibsuufi.
Yaadannoon isaa————-Ilmaan Oromoo qabsoo irratti, mana hidhaatti, otoo  biyyaa baqachaa deemanuu karaatti dhumaniif haa tawu.
Qabiyyee – rakkinni ilmaan Oromoorra jiru waan eexoo caala adhaa’aa deemef, gaafa barattoonni Ambotti hiriira nagaa bayanii sagantaa diinni dhala Oromoo lafarraa balleessuf baafate “Maastar pilaanii” balaleeffatan yoo waraana itti erganii fixan barataan umbarsittii Finfinnee birmatee dhaqee yoo tumsuuf qabanii mana hidhaa Qaallittiitti hidhani.
 p1010735Sababiin rakkina ilmaan Oromoo “Tokkummaa” dhabuu akka tayee waan beekuf, uummata akkana baay’atu tokkoomsun dirqama kiyya tawuu qaba jedhee kutatee ka’e.
Yaada isaa sabboontota Oromootti erginaan sabboontonni jajjabeessanii, uummata Oromoo bakka hundaa, kabaa amma kibbaatti, bayaa amma lixaatti, biyya keessaa amma biyya ambaatti tokkummaan kaasani.
Walgayii “Fincila diddaa garbummaa” magaala Oromiyaa, Finfinnee, Hurufa Boonbitti waame.
Hawaasni Oromoo biyya jiran hundaa, bayaa amma lixaatti kaabaa amma kibbaatti biyyoolessa keessa jiraatanitti addabaabayiitti bayaniiti Hurufa Boonbitti “sikaaypiin” wal qunnaamaa, yaada isaanii uummataaf dabarsaa, isa biyyaa darbu doowwachaa oolani.
Waan Hurufa Boonbitii dabarsaa jiran uummanni TV fi raadiyoonin ordofa.
Rakkinni ilmaan Oromoo maal maal akka taye irratti dubbatani.
Uummanni Oromoo tokkummaatti amanee of bilisoomsuf murteesse.
————————————————————————————–
Kabajamtootaa, waanan kitaaban kitabe isin hundaan gawuu hin dandeenyef, akka “diraamatti” qopheessee isinii tamsaasuf dirqameera. Gabaabsee dhiyeessuf yaaden ture. Garuu, yoon kana caala gabaabse ergaan isinii dabarsuuf yaade guututti dabarsuu hin dandeenye. Kanaafuu, naaf obsaa, akkuma yeroo argattanitti akka naaf dhaggeeffatan isinin afeera. Yaada yoo naa kennitanis gara fuulduraatti akkan itti jabaadhu na gargaara.

No comments:

Post a Comment