Wednesday, April 22, 2015

Guyyaan Yaadannoo Gootota Oromoo bara 2015 kan Kutaa ABO ‘Scandinavia’ qopha’ee Magaala Osloo keessatti haala o’aadhaan kabajameera.

Gadaa.com
Ayyaanchi kan eegaale sirna simannaa dura ta’aa kutaa ABO Scandinavia, J/Mohammed Ahamed Hajii anaa dhufuu hirmmaattotaa wal gahiif erga godhanii booda yaadannoo jaalleewwaan qabsoo bilisummaa Oromoof waareegamaan daqiqaa tokkof godhameera. Itti aansuun miseensonni ABO kutaa Scandinavia fi hirmaattonni korichaa waalin ta’udhan faaruun alaabaa Oromoo farfamee booda akkuma aadaa Oromootti eebba manguddoota Oromoon sagantaan yaadannoo Guyyaa Goototoa Oromoo eegalame.
I/anaan Hayyu Duree ABO J/Dhugassa Bakakkoo karaa bilbilaan waa’ee seenaa Guyyaa Gootota Oromoo fi bu’aa wareegamni Jaallan keenyaa aragamsiise hirmaattoota wal gahichaaf ibsaa kennanii jiru. Kaayyoon gootowwan keenya irratti wareegaman galma isaan akka hin geenye J/Dhugasaa hirmmaattoota korichaa yaadachiisuun, ABO’n kaayyoo kana galamaan gahuuf amma illee qabsoo hadhooftuu gaggeessa akka jiru ibsaniiru. Dhuma irraatti akkuma bishaan xixiqqoon walitti yaa’uun gaalan ta’u Oromoon bakka jiru waan qabuu fi waan dandeettii isaa waliin qindeeffatuu akka qabsoo ABO gaggeefamu akka utbuu fi tokkommaa isaa tikfatuun akeeka Jaallawan keenya kaleessa kufanii fi hara’a kufaa jiraniif akka galmaan ga’amuuf waamicha dhiyeessanii jiran.
Itti fufuudhaan, J/Jireenyaa Guddataa I/anaan Birkii Jaarmiyaa Biyya alaa, Oromoon malliif Guyyaa Gotootaa Oromo akka kabajuu fi akkeeka Jaallan keenyaa wareegamaniif hirmaatota korichaaf ibsanii jiru. Gootota keenya hangafoo fi dhaloota haaraa yeroo amma akeeka qabsoo bilisummaa Oromoo kufaa jiran akka fakkenyaatti kanneen maqaan tarreessuun yeroo ibsanitti, hirmaattonni korichaa jaallan kufan yaadachuun yeroo muraasaa gaadda guddaan guutamanii turan.
Gadaa.com
Qabsoo fi akeeka haqaa jaallan keenya kufaniif galii maayyiin ga’uuf waan dandeenyu hundaa akka gumchuu qabnuu fi Oromummaa irratti of ijaaruun, tokkummaa saba keenyaa tiksuu fi cimsuu irratti akka xiyeeffatamuu qabu J/Jireenyaan hirmaatotaaf yaamicha dabarsanii jiru. Akkasuma miseensa koree hojii rawachiistuu ABO kan ta’an J/Dr. Dagafaa Abdiisa yeroo har’aa Oromoon lafa isaa qofaatu qircamaa jira osoo hin taane, Oromoo uumatichi akka qircamaa jiru hirmaattota yaadachissuun akka badiinsa uummata keenyaa baraaruuf tokkummaan qabsoo jabeessuu akka qabamu dhaamanii jiru. Hirmaattotni wal gahii kanaa Guyyaa Goototta Oromoo ilaalchisuun bifa marii, gaaffii fi deebiin yaada wal jijjiiranii jiru. Dhaamsa maayiis irraati hirmaattonni wal gahii seenaa dhugaa fi Akeeka Gootonni Oromoo kufaniif dhalootaa haaraa akka himamuu fi Oromoon akkeeka kan galmaan ga’uuf jabaannee akka hojjennu ibsamee jira.
Gadaa.com
Akkeekaa Gootonnii keenyi kufaniif galamaan ga’uuf har’a diina waliin kokkee kan walqabaa jiruu abdii fi gaachana uummata Oromoo kan ta’e WBO’f tinnisni karaa Abba diinagdee Kutaa Scandinavia J/Hussein Ahmed fi Jaallee fi Artisti Ilfneesh Qannoon hirmaattota korichaa gaafatamee jira. Alaabaa Oromoo fi huccuu aadaa Oromoo caalabaasii dhiyaatee fi gumaachi hirmaatoota irraa taasifameen maallaqin biyya Norway 18 900 (kuma kudha saddeetiif dhibba sagal) WBO tinnisamee jira. Akkasumas walaloon Gootota keenya faarsu J/Edoshe Oljirra dhiyaatee jira. J/Tajuddin Hussen walaloon bu’aa wareegamuu jaallan keenyaan argame ibsu dubbisuun, dhaadannooleen hirmaattota onnachiisan dhageesisanii jiru.
Artistoonni beebeekamoon kanneen akka Ilfinesh Qannoo, Hirphaa Gaanfree, Haayiluu Kitaabaa, Muktaar Usmaan fi Tottobaa Taddasaa Gootota faarsaa fi hirmaatota koricha irratti argaman bohaarsaa fi bashannansiisaa bulaniiru.
Gootonni keenyaa warreegaman bara baraan ni yaadatamu!
IUO’f!
Kutaa ABO Scandinavia!
Ebla 18,2015
Oslo, Norway

No comments:

Post a Comment