Wednesday, August 12, 2015

LABSA TOKKOOMUU ABO FI GQM-ABO

ODF_Flag2013Marii yeroo dheeraa ture xumura itti gochuun, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Gurmuu Qabsaawootaa fi Miseensoota-ABO (GQMABO) guyyaa labsi tokkoomuu kun bahe irra kaasee, Caasaa ABO tokko jalatti hiriiruun bifa hundaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa ABO dhaan gaggeefamaa jiru humneessuuf walii galtee guutuun xumurannee jirra.
Mariin yeroo dheeraaf bifa hundaan gaggeefamaa ture kun, qabxiilee ijoo ta’an kan hammate fi akkasumas toftaalee fi tarsiimoo kaayyoo masakaa kan mirkaneesse ture. Mariin kun hirmaanaa sabichaa (Saba tokkicha, biyya tokkicha fi hiree tokkicha) kan jedhu, dantaa ol’aanaa taasifachuun gadi fageenyaan kan irratti marihatee fi Qabsoo Bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaa fuulduratti furgasuuf qabxiilee armaan gadii kanneen irratti hunda’uun tokkummaan masakamuuf kan xumurame ture:
  1. Sagantaa siyaasaa ABO, Heera, Seeraa, Dambii Adabaa, Toftaa fi Tarsimoo dhaabichaa kan sochii siyaasaa, waraanaa, diplomasii fi fincila diddaa gabrummaa (fincila ummataa) walitti qindeefachaa deemaa jiru irratti akka qaama tokkotti hojjachuu;
  2. Caasaa dhaabichaa kan amma jiru akkuma jiruutti fudhachuun, miseensoota qabnu marasirnaa fi tartiiba dhaabichaa hordafuun caasaa dhaabichaa keessatti sadarkaa hundatti qooda fudhachuu fi qaama tokko tahuu;
  3. Qabeenya, dandeetii akkasumas humna namaa hunda caasaa dhaabichaa keessatti wal fudhachiisuun lagni sirna dhaabaa akka galaana guddaa waraaqsa saba Oromoo guutuu akka fidu danda’uu taasisuu fi Empira mana hidhaa Saba Oromoo ta’e xumura (kitimaa) itti gochuuf akka qabsoo finiinsuu fi
  4. Hir’ina qabnu guuttachaa fi dhaaba keenya kan Kallacha Qabsoo tahe kana daran humneessuuf miseensoonni keenya gahee isaani akka guutumatti caasaa tokko jalatti bahan gochuu fi akkasumas Koree Kora Sabaa qindeesitu jabeessuuf walii galle.
Ummatni Oromoo ABO dha. ABOniis ummataa Oromootti kan jedhamuuf ilaalcha siyaasaa, seenaa fi muxxannoon jireenyi saba Oromoo galii siyaasaa akeeku qabatee waan ka’eefi. Kanaaf jecha, ummatni Oromoo hirmaanaa isaa ol kaasuun dhaaba kanatti makamuu fi qabeenyaanis bira dhaabachuun dhimmi Oromoo anas na laala/galcha jedhe, dhaaba isaa kan gara of tokkoomsuu, of sirneesuu fi of jabeesuutti fuula deeffattee faashistoota ABUT akka diina tokkoofaa fi diina kaayyooti fudhatee irratti qabsaawwu waamicha lammummaa goona.
Miseensootaa fi deeggartootni dhaaba kanaa kan sababalee garagaraatin afanfaajii keessa seenuu irraan kanka’e dhaabaa fi qabsoo yeroon gaafachaa jirtu irraa dhaabbatan, gara sirnaatti deebbi’ani waan dandayan hundaan qooda fudhachuun hir’inoota ni jira jedhamanii fi kanneen ful duraatillee uumamuu malan sirreesuu irraa qooda fudhatanii waanjoo koloneeffataa ummata Oromoo irratti jigee irratti qabsoofnu waamicha keenya dabarsina. Haalli jiruu fi rorroon ummata keenya irratti gahaa jiru ulfaataa tahuun waan wal nu gaafachiisuu miti. Kanaaf, yoo amma irratti hin qabsoofne daran hammaate jireenya Oromootu sadarkaa shakkisiisa jala waan galchuuf, akka irratti waliin qabsoofne gafatamaa seenaa jalaa bahuu malee filmaanni hin jiru janna.
Gama keenyaan hirmaanaa qabsaawootaa fi kan ummata Oromoo ol kaasuun carraa argane hundatti dhimma baannee dirqama seenaan nurraa kaahee fi jaallaan nu duratti galii kana bakkaan gahuuf jecha wareegaman faana bu’uf walgahii Hagayya 2, 2015 ta’ee irratti waa’ada keenya haaromfannee dhimma kana caasaa tokkicha ABO jalatti hiriiruun golobne jirra.
Injifannoo ummata Oromoof!!!
Tokkummaan humna!!!
Bakka Bu’aa ABO – Odaa Xasee
Bakka Bu’aa GQM-ABO – Ibsaa Nagawoo

No comments:

Post a Comment