Sunday, August 2, 2015

ABO-Jijjiirama Jeneraal Kamaal Galchuun Hogganamuu Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) Jedhee of Moggaase

August 2, 2015 Oromia

jeneral_kamalUmmannni Oromoo gabrrummaa jalatti erga kufee kaasee gaaf tokkollee tole jedhee gabroomfattoota Habashaa jalatti bulee hinbeeku. Ummanni keenna erga gabroomffattoonni balbala isaa gahanii kaasee humnna qabu hundaan lola ufirraa ittisuu (War of resistance) dabalatee gootummaadhaan diinota isaa falmaa ture.
Qabsoo Ummata Oromoo haalli seenaa tokko tokko jidduu seenanii yoo bifa biraa qabsiisanillee (lola xaaliyaanii, sochii Mangistuu Nuway, warraaqsa bara 1974 fi dhufaatii wayyaanee kan bara 1991) qabsoon teenna waggoota dheeraa kanniin keessatti kufaa ka’aa yoona geettee jirti. Qabsoon Saba keennaa tun, akka ammayaatti kan eegalamte bara 1973 hundeefama Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) tiin akka ta’e namiifuu ifa galaadha. Qabsoon bara dheeraaf hoggansa dhaaba siyaasaa dhabdee kufaa, ka’aa achi geette yeroo jalqabaatif ilmaan Oromoo gootummaadhaan ka’anii dhimma Saba ufiitiif akkasumas dhimma biyya ufiitif (Oromiyaaf) falmmudhaaf sagantaa siyaasaa qopheeffatanii waanjoo gabrrummaa kuffisuudhaf sochiin taasisan, sochii seenaa qabeesssa jennee amanna.
Uummanni Oromoo haqa isaa barbaadachuudhaaf dhaaba ufiitin hogganamee deemudhaaf fedhiin inni qabu hedduu kan nama dinqisiisu fi ar’allee kan mul’atuudha.
Haa ta’u malee, qabsoon bilisummaa tan ABO dhaan hogganamtu baroota 1973 hanga 1991 keessatti bu’aa adda addaa kan kallattii ta’ee fi kan kallattii hinta’in (tangible & intangible results) haa buusu malee sochiin kun bu’aa lubbuu qabu galmeesisuu osoo hindandayin wayyaneen mootummaa jiddu galeessaa tooyachuudhaan sirna gabroomfataa dulloome abaaraa sirna gabrroomfataa isa caalu bakka buusudhaan ummatarratti feete. ABO fi dhabbotiin Oromoo adda ddaa
jalqabarratti motummaa cehumsaa keessatti qooda yoo qabaatanillee waggaa tokko keessatti dhiibamanii akka mootumicha keessaa bahan taasifame.
Qabsoon Oromoo bara 1992 irraa kaasee hanga ammaatti bifa hoggansi dhaabolee biyya keessaa bahee biyyoota alaa (diaspora) kessatti hundooftee kan deemu ta’e. Har’a qabsoon tun waggoota afurtama booda gatantarttee gara kufaatii deemaa jirti. Yeroo diinni keennaa gama hundaan ukkamsaa isaa cimsee itti deemaa jiru kana keessatti qabson teenna bacancara akkanaa keessa seenun waan dhala Oromoo hunda gaddisiiseedha. Kanaaf, sochii fi qabsoo ABO jijjiiramaa keessatti adeemsifamaa turee fi sochiiwwan qaamoleen adda addaa yeroo dheeraf karaa adda adddaatin taasisaa turan walitti qindeesudhaan Jilli Qabsaayotaa ABO yeroo isaa eeggatee adeemsifame kana iratti rakkoolee qabsoo bilisummaa Ummata Oromoo qunnaman kana dhabamsiisudhaaf dirqama jiijiiramni hundee akka taasifamu waliif galamee jira.
Haaluma kanaan nuti qabsaayonni falmii bilisummaa Saba Oromooti fi Walabummaa Oromoyaatif dhaabanne baati Adolessaa 2015 guyyaa 20 iraa kaasee biyyota adunyaa adda addaa keesatti teessuma/kora adeemsifachuudhaan akkasumas kora isa guyyaa dhumaa Magaalaa Minneapolis, MN (USA) keessati Adoolessa 30 fi 31 bara 2015 adeemsifannen yaa’iwwan keenna hunddayyuu miliidhaan xumuranneerra. Guduunfaa koroota keennas ilaalchisee waan irra geenne ibsa ijjannoo kanati aanu baafanneerrra:
  1. Haala fi sadarkaan qabsoon Walbummaa Oromiyaa irra geette xiinxallaa gadi fagoo fudhachuudhaan, qabsoo tana bacancaraa fi gatantara keessaa baasudhaaf dhaaba haarawa qabsoo tana hafuuraa fi yaada akkasumas sochii haarawaan finiinsu uumun waan barbaachisaa ta’ee argameef dhaaba Kllacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) jedhamu hundeesineerra.
Dokumeenti Guutuu – PDF

No comments:

Post a Comment