Friday, August 21, 2015

Dhaabbati Ethio Tel Jedhu Karaa System 3G Jedhuun Uummata Guutuu Biyyattii Addatti Ammoo Hojjettoota Mataa Isaa Samaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Hagayya 20,2015 Finfinnee
imagesDhaabbati tajaajila teelee toopiyaa karaa systema 3G jedhu uummata guutuu biyyattiifi addatti immoo hojjettoota mataa isaatii saamuun rakkoo fi kasaaraa guddaa keessa buusaa jiraachuun beekame
Maddeen Qeerroon dhaabbaticha keessaa akka gabaasanitti dhaabbati Ethio telecom walii galtee fayyadamtootaa fi hojjettoota isaa waliin qabu diiguun faaydaa addaan uummmata saamuuf jecha tooftaa haraan fayyadamtoota dhaabbatichaa irraa galii addaa saamaa jira.
Dhaabbati Ethio Tel kan lammilee biyyittii saamuutti bobba’e kun karaa software akka 3G,2G,4G jedhamaniin fayyadamuun bifa tooftaa addaa ta’een horii itti lakkoofsisuu fi waan itti hin fayyadamiin kan fayyadaman fakkeessuun qarshii itti lakkoofsisuun uummata diinagdeen saamaa jira.
Akka gabaasa Qeerroo dhaabbaticha keessaatti fi  hojjettoota dhaabbatichaa jedhanitti dhaabbatichi hojjettoota isaaf bilbila addaa kenneefi kaffaltii bilbila namoota dhuunfaarraa adda ta’e karaa biilii jedhamuu kaffaltii erga jedhee booda fayyadamtooti hojjettoota dhaabbatichi utuu hin beekin hanga kuma digdamaa fi isaa ol irratti lakkaa’uun rakkoo jireenyaa keessa isaan buuseera
Fayyadamtooti uummataa karaa prepaid jedhamuu kan fayyadamaan yoo ta’u tooftaan kun utuu fayyadamtooti itti hin fayyadamin qarshii bilbilasaanirra jiru mara irraa dhaamsaa akka jiru beekameera

No comments:

Post a Comment