Tuesday, August 25, 2015

Ibidda Dhaamote, Biddeena Beelaye, Bishaan Dheebote…

(Hariiroo Jorgootiin, Qoorroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa!!)
Barreessaa dhugaa baasa!“Ibiddi kan silaa ofiifuu owwa guddaa qabu, kan silaa namni itti qorre illee karkarfatu, kan dheedhii bilcheessu, isa itti dukkanaayeef ibsu kkf ta’ee otoo jiruu akkamittiin dhaamotaa?…” Jechuun keessan hin oolu.
Biddeennis kan beelayaan silaa nyaatee quufudha ture, akkamittiin ofiifuu beelayee?
Bishaanis kan silaa dheebotaan dhugee dheebuu bahudha, akkamittiin ofiifuu dheebotee?
Garuu garagalloo miilli mataa hooqa akka Oromoon jettu, otoo harki inni hooquuf uumame, mataa ittillee miila caalaa itti  aanu  jiruu yeroo itti miilli mataa hooqutu argama.
Haadharra anatu itti aana jette gayyaan akka jedhanidha waansaa, barasaatu akkas ta’e.
Ilmaan Oromoo kan Oromoo irraa dhalatan, kanneen Oromoof dhugaan yaadan kanneen akka ABO diina Oromoo jedhamanii warri Oromoo saamuuf Oromiyaa weeraran ammo fira, finnaafi aantee sabaa of godhanii Isaan warra Malaa’iktoota Rabbii/ergamtoota Oromiyaa misoomsuuf Oromiyaa dhufan , qabsaa’onni qulqulluun Oromoo ammo shororkeessitoota jedhaman.
Haa ta’u malee aantummaa ilmaan TPLF tiin hogganamuufi Ergamtoonni baandaa OPDO aantummaa isaan Oromoof qaban yoomiyyuu caalaa saaxilamaa dhufaa jira!
Eenyumtiyyuu akka beekutti Tigraay biyya dhagaafi dhagaggaalee, gammoojii midhaan hin kenninedha!
Oromiyaan ammoo dirrishee albuuda, gubbaanshee  aannani  ameettii hin guunedha. Laggeenshee akka hidda dhiigaa, ganda hunda keessa adeema, magariisa uffattee magariisa cuubamte.
Midhaan gosa hundaa ni kenniti. Kan beelayeyyuu isheetti baqata. Oromiyaan biddeena namaaf kennuu bira dabartee ofiifuu biddeenadha. Garuu isheen ni beelofte. Biddeenatu beelaye.
Har’a biddeenni Oromiyaa Tigraay jira. Kun akkamitti ta’e?? Ibidda Dhaamote

No comments:

Post a Comment