Tuesday, August 4, 2015

Haqa Keenya!

Warri maqaa baqataatiin lafa dhiigni ilmaan Oromoo irratti dhangala’aa jiru diina irraa kadhachuuf bobba’an diina waliin  lammii nyaatanii – dhiiga isaanii irraa gatii baasu. Manni isaan lafee Oromoo irratti ijaarratan utubaa isaatu dhiiga lammii keessa waan dhaabbateef bantiin isaa kan hormaataa hin ta’u. Sanyiin isaan haala kanaan facaasan, qabeenyi isaan kana keessaa guduunfatan abaarsa ta’ee labata isaanii nyaata malee bultoo ta’ee itti hin jiraatan”
Jiituu Lammii                              
gantoota Naiyorobi Lafti bari’ee reefu caamni ho’a. Yeroon isaa baatii ramadaanaa keessa waan ta’eef sochiin magaalattii xiqqoo qabbanaawuu hin oolle. Ta’us garuu sagalee “Kariibu kastamaa…!” jedhu hiikkaa isaa  beekaas beekuu baadhaas  bakka deemtanitti  ammaa amma dhagahuun keessan hin oolu. Daldaltoota moggaa karaarra buufatantu isa olii fi gadi darbu ija keessa ilaalaa qalbii hawwachuuf carraaqa.
Kuni magaala guddittii Baha Afrikaa – Naayiroobii dha. Wiirtuu siyaasaa; giddugala daldalaa; lafa gammachuu fi bashannanaa yookaa ammoo handhuura jeequmsaa…jennee akkuma hubannoo keenyaatti waa hedduun fakkeessuu dandeenya. Dhugaadha! Bifaa fi amala hedduu qabdi. Gaarii fi yaraa bitaa mirgatti hammattee golaa fi golee keessatti suuqqattee jiraachifti- Naaroobiin dandeessuu dha!
Yoo akka koo lafa kanaaf keessummaa taatan dursitanii odeessa gurraa qabaachuu hin dagatinaa. Haltokko tokko “…biyyi nagaadha…!” otuma jettanii namni wayii tasa isin dhaabee ‘Late kitabulisho…!” yoo jedhe, namtichi tika ykn. poolisa biyyattii ta’uu akka malu  qalbeeffadhaa. Yoo akkas ta’e, haala keessan qoratee, bifaa fi akkaataa keessan akeekkateetu waraqaa eenyummaa isin gaafataa jiraa rifaasuu tokko malee qalbumaan dubbisuun of eeggannoo isa duraa ti.Jiituu fi Ergamtoota wayyaanee Nairobi, Hagayya,2015

No comments:

Post a Comment