Sunday, August 16, 2015

IJOO DUBBII ABO: Qabsoon Bilisummaa Hojiin Malee Ololaan Bakka Hin Gahu.

(Ijoo Dubbii ABO)
aboJaarmayoota siyaasaa, sabboontotaa fi kanneen mirga namoomaaf falman marti mootummaa empaayera Itophiyaa irratti of aangomsee jiru irraa hammeenya suukanneessaa gosa adda addaa raawwatamaa turee fi jiru irraa  karaa itti mirgi ummatootaa kabajamee nagaa waaraa fi bilisummaan mirkaneeffamu, ummatootni dhumiinsa, hidhaa, baqaa fi beela irraa baraaraman faluu irratti xiyyeeffatuun qabsaawaa turan. Hanga qabsoon godhan milkaa’uttis qabsoo itti fufanii jiran.
Haalli siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa empaayera Itophiyaa yeroo ammaa wayyoomina agarsiisuu irra kan duraanii caalaatti hammaataa arreedaa akka jirus ifatti mul’ata.  Addatti ammoo filannoo kijibaa wayyaanee marroo 5ffaa Waxabajjii 2015 adeemsifameen, dhibbaa dhibbatti mo’atuu isaa qaaniin alatti eerga labsateen asitti ummaatootni empaayera kanaa fedhii fi filannoo isaaniin alatti akka murna bicuu jalatti Ameen jedhanii bulaniif dirqisiifamaa jiran.
Gochaaleen diinummaa fi farrummaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiran ammoo hunda irra ulfaataa fi bal’aa tahuu irraa goleelee Oromiyaa hunda waliin gahaa jiran. Ummata Oromoo diineffatuun sababa nuhi hin deggertan jedhuun, qe’ee isaa irraa buqqaasuun, hojii irraa gugsuun, hidhuu fi bakka gariitti ammoo ajjeesuun gochaalee diinummaa guyyuu lammii Oromoo irratti raawwatamaa jiranii dha. Gochaa diinummaa kana Oromoo irraa ittisuuf, dabrees kaasuuf, ABOn hojii hangafa godhatee kan irratti hojjataa ture tahullee ammaan tana tarkaanfii gara garaa bakka adda addaatti fudhataa jiruun abdii ummata Oromoo tahuu caalaatti mirkaneessaa jira.Ijoo Dubbii ABO Hagayya 2015

No comments:

Post a Comment