Saturday, August 29, 2015

Hagayya 28 Bara 2015 Waranni Mootummaa Wayyaanee Godina Wallagga Magaalaa Naqamtee Keessa Qubsiifaman Uummata Nagaa Irratti Dhukaasa Banuun Oromoota 2 Yeroo Ajjeessan Garii Madeessuu Qerroon Gabaase.

“Oromoon Mootummaa Mataa Isaa kan Nageenya Biyyaa Tiksu Dhabuun Miidhaa Nitti Heddummeessaa Jira” Jedhu jiraattoti Naqamtee.
warana wayyaane uummata goola jiru
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF ofiin jedhu uummata Oromoo garaa lafina tokko malee lafarraa duguuga kan jiru yakka sukkaneessaa fi gara jabinaan guutameen ilmaan Oromoo magaalaa Naqemtee keessa jiraachaa jiran Obboleeyyaan lamaan
1. Dargaggoo Faasil Daamxoo hojii konkolachisummaan kan of jiraachisuu rasaasaan reebamee ajjeefame. fi
2. Obbaa Dajanee Daamxoo waggaa tokko dura biyyaa hambaa jiraachaa ture kan gara biyyatti deebi’e biyya abbaa isaa keessatti rasaasaan reebamee yeroo amma kana Hospitaal Black Lion Finfinnee ciisee du’aaf jireenya gidduutti kan argamu yoo ta’u,
3. Namni yeroof maqaan isaa nu hin qaqqabiin tokkos rasasa loltoota Wayyaanee kanaan rukkutamee hospitaaluma kanatti kan argamu ta’uun Ibsamera.
Dargaggoo Faasil Daamxoo rasaasa humna waraanaa Wayyaanee EPRDFn akka malee reebamee ajjeefame. Gochaan suukaneessaan kun yeroo tokkoof lama utuu hin ta’iin haala wal fakkaatuun yeroo garaagaraatti uummata Oromoo irratti bakkoota garaagaraatti haala walfakkatuun rawwachaa kan jiru ta’uun beekamadha.
Tarkaanfiin hammeenyaa magaalaa Neqemtee keessatti rawwate kunis caalmaatti uummata Oromoo fi uummata magaalaa Neqemtee keessa jiraatu kan dheekkamsiisaa jiru ta’uun ibsame jira. Sabboontotni fi beektootni Oromoo magaalaa neqemtee keessatti argaman Mootummaa mataa keenyaa fi bakka nu bu’u dhabuun yeroo irraa gara yerootti uummaatni keenya akka ajjeefamuu fi yakki garaa jabeenyaan guutame fi jibbinsa sanyii qabu akka nurratti raawwatu ta’ee jira jechuun sagalee dheekkamsaa dhageesisan.
Hagayyaa 28,2015 guyyaa har’aa Barattootni yeroo gannaa mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa irraa barachaa jiran roorroo ulfaataa uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru ajjeechaa uummataa sivilii irratti rawwachaa jiru, fi hoomaa Waraanaan egamaa jiraachuu fi yakka waranni Wayyaanee rawwachaa jiruu fi qabinsa mirgaa mooraan Yuunivarsiitii Wallaggaa gochaa jiruu illee abbaa irrummaa wayyaanee calaqisiisa jechuun sagalee mormii dhageesisuu egaluun FDG ka’e, yeroo ammas mooraan Yuunibarsiitii wallaggaa waraana wayyaaneetiin eegamaa jiraachuun gabaafame jira.
Rakkoowwaan haala waliigalaan uummata Oromoo irratti rawwatamaa jiru kanaaf furmaatni guddaan uummatni keenyaa irree tokkoon harka walqabatnee ka’uun mirga keenyaaf falmannee yakka ajjeechaa of irraa dhaabuu qabna jechuun dhaammatan.

No comments:

Post a Comment