Monday, August 17, 2015

Naannoo Kibbaa Godina Gamuu Gofaa magaala Arbaaminci, aanaa Buradaa fi Dotaree Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Gabaasa Qeerroo Arbaaminc Hagayya 16,2015
Fincila-Diddaa-GabrummaaNaannoo aanaa fi magaala Arbaaminci, aanaa Buradaa fi Dotaree keessa jiraatan uummanni hunduu walitti dhufuudhan qaamni mootummaa gabroonfa Wayyaanee ammaa kaasee naannoo kana hin bulchin jedhan. Maddi gabaasaa caasaa godina Gamuu Gofaa irraa Hagayya 15/2015 gabaasuun, Uummanni mootummaa Wayyaanee balaaleffachuun,sirni mootummaa wayyaanee itti hin fufin jechuudhaan yerooma dhiyoo asitti fincilli kan eegale haala wal irraa hin cinneen kan itti fufee jiruu fi torbee kana keessattis uummanni naannowan kanneen keessa jiraatan sirna mootummaa abbaa irree wayyaanee balleessuuf qaamotaa fi deggertoota isaa of keessaa baasuu fi bulchiinsa akka itti hin fufne murtoo godhachuu qabna jechuun Hagayya 14 fi 15 waraqaaleen garagaraa afaan adda addaan dargaggootaa magaalota Arbaaminci, Burudaa, Dotaree fi kkf keessa jiraatan barreessuun bittimsuu fi uummannis kana deggeruun dhaga’ame.
Qaamni mootummaa wayyaanee naannoo kana bulchu ammaa kaasee dhaabuu qaba jechuun dhaadannoos yeroodhaa yerootti barruu fi sagaleedhaan agarsisaa akka jiran kan gabaafamaa jiruudha. Haalli kunis kan jabeeffamee jiruudha.

No comments:

Post a Comment