Wednesday, August 19, 2015

Ilmaan Oromoo New Yoork gara Dhihaa qubataan bara kana keessaa milkii gaarii dhaan barnoota isaannii xummurachaa jiru

20150815_211116
20150815_211234
Yeroo darbee Dubaree Oromoo Bartuu Biiftuu Durreessoo achuma New York magalaa Rochester ti mana barumsaa ishee sadarkaa olaanaa qaphixxii guddaan xumuruu dhaan haasa bara kana sirna eebbaa irratti seenaa warra isheef akkaatta itti milkoofte dubbachuu addunyaa rajjeffachiiftee turte.
Akkasumaas warra dhiiraa keessaas Dargagoon Adan Roobaa magalaa Syracuse mana barumsaa isaa keessaati qaphixxii olanaa dhaan eebbifammee maqa biyyaa isaa dhofsissee jira. ijoolleen Oromoo Ollaa kanatti argamaan daran amillee ​akka qabaatanniif waldaan hawaassa Oromoo NY jiruu kennaa garagaraa kennuu dhaan, qophii sirna eebbaa isaannii biffa miidhagaa ta’een qopheessuun kabbajatteera.
Ega milka’inaa daa’imaan kanaa duubaa jajjabinni maatii waan jiruuf amas da’imaan Oromoo haaluma wafakkaattuun Aadaa fi Afaan safuu sabummaa isaannii beekkaa akka guddattaan lammiillee keenya biyya gara garaa keessa jiraattanniif dhaamana kan jedhaan qophii sana irraatti yaada dabarfachaa turanniiru.
Adaan Roobaa barattoota ciccimmoo kuttaa biyyaa sanaa keessa isa tokkoo akka ta’ees beekama, inniis yeroo ama kana gara barnoota isaa sadarkaa olaanaatti deemuuf qophii dha.
Ega barattoon Oromoo biyyaa keessaas alas barnoonnii bu’uura beekkumsaatti waan ta’eef yeroo isaanniitti cimmanii akka qo’attaan Adan daamsa isaa dabarfata.

No comments:

Post a Comment