Friday, August 14, 2015

Godina Lixa Shaggar Naannoon Garaagaraa keessatti Uummatni Sirna Bulchiinsa Wayyaanee Dura Dhaabbachuu Irraan Oromoonni Nagaa 16 Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

Hagayyaa 14,2014  Midaa Qanyii
Because I am OromoGodina Lixa Shaggar , AANAA MIDAA QANYII keessatti Uummatni Oromoo qonnaan Bultootni, dargaggootni fi Barattootni guutummaatti sirna Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO jalatti afaan qawwee fi loltuun doorsifamaa hin bulluu , qajeelfamaa fi ajaja Wayyaanee irraa dabarfamu hin fudhannuu , balleessaa tokkoo malee duullii hidhaa fi adabbiin mallaqaa dabbaallota Wayyaanee maqaa Kumaandii Poostii jedhamuun ijaaramanii qawwee hidhachuun nurratti rawwachaa jiraniif hin jilbeeffannuu FDG jabeessuun dura dhaabbachuun mirga keenyaaf falmanna jechuun uummatni murtii dabarsee jira.
Haaluma kanaan Loltooti Wayyaanee akkasumas kaabineen bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii fi Kumaandii Poostiin Wayyaanee qawwee hidhatee sochoo’aa jiru murtii uummataa kanatti rifachuun dargaggoota fi barattoota Oromoo hidhaatti guuraa jiraachuun ibsame, dargaggoota, barattoota , qonnaan bultootaa hidhuu fi daldaltoota irratti manneen daldalaa badii tokko malee cufaa jiraachuun ibsame.
  1. Barataa Hinnawuu Addunnaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  2. Barataa Dassuu Haacaaluu Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  3. Barataa Goonanaa Araarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  4. Barataa Kabbabaa Magarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  5. Barataa Qixaataa Magarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  6. Barataa Warqinaa Araarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  7. Barataa Goobanaa Abdiisaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  8. Barataa Taakkalaa Iddoosaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  9. Barataa tamasgeen Ayyaanaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  10. Barataa Dassaalee Baahiluu Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  11. Obboo Sisaay Mokonnoon mana baaburaa midhaan daakuu irratti cufan.
  12. Obboo Dammilaa Shuree baabura midhaan daakuu irratti cufan
  13. Obboo Daandanaa Diriirsaa baaburaa midhaan daakuu irratti cufan
  14. Obboo Tashaalee Angaasaa suuqii isaa fi baabuura midhaan daakuu
    irratti cufan.
  15. Obboo Takkiluu Rakka’aa baabuura midhaan daakuu irratti cufan,
  16. Obboo Abarraa Mokonnoon Suuqii isaa irratti cufuun daldalachuu dhorkan.
    Kanneen jedhama dabalatee Uummata AANAA MIDAA QANYII irratti mootummaan wayyaanee yakka jibbinsa sanyummaa fi abbaa irrummaan guutamee karaa jalee isaa fi kumaandii poostii isaa rawwachaa jiraachuun saaxilame.

No comments:

Post a Comment