Friday, August 28, 2015

Barattoota Yuunivarsiitii Wallaggaa Yeroo Gannaa Barataniin FDG Har’a Eegaluu Qeerroon Gabaase!‏

Hagayya 28,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamtee
diddaa9Qeerroon Yuunibarsiiti Wallaggaa akka gabaasetti ajjechaa,rewbicha Poolisooti Federaalaa jiraattota magaalaa Naqamtee fi barattoota irraan ga’aa jiran,saamicha kaffaltii maqaa barnootaatiin taasisamu,saamicha maqaa vaatii jedhuun uummati saamamu,fi maasater Pilaaniin Finfinnee haqamuu qaba jechuun ganama har’aa kana hiriira mormii dhoosan!
Mooraan barnootaa Yuunibarsiitii Wallaggaa yeroo ammaa kana humnoota darbatamoon to’atamee kan jiru yommuu ta’u hiriirri kun kaabinoota OPDO barnoota gañnaa barataniin deeggaramuunsaa immoo addatti wayyaanota rifaasisuunsaa beekameera.

No comments:

Post a Comment