Wednesday, October 2, 2013

Gaaffiin daballii miindaa jalqabame itti fufuun waarshaa Sukkaaraa Tandaahoo keessatti gara hojii dhaabuutti cehe

Onkoloolessa 03,2013 Finfinnee
Diddaan Hojjettootaa mootummaa Wayyaanee irratti finiinuu kan eegale umriidhaan bubbulaa jira. Rakkoowwan siyaasaa biyyattii keessaa waliin wal qabachuun uummatni Impaayera biyyattii keessaa guutummaan rakkoowwan garaa garaaf saaxilamee jira. Rakkoon hanqina miindaa, qaalainsa jireenyaa, malaammaltummaa, hojii dhabdummaa hanqina bulchinsa gaarii irraa kanneen dhufan keessaa hangafoota. Hojjettootni mootummaas waajjiraalee fi dhaabbiilee garaa garaa keessaa dabalinsa miindaa gaafachuu kan eegalan ammas daran jabeessuun Hojjettootni waarshaa Tandahoo dabalinsa miindaa cichanii gamtaan gaafatan. Gaaffiin keenyas deebii hin argatu taanaan hojii akka dhaabnu mootummaan wayyaanee haa beeku jechuun jala sararanii beeksisan. Mootummaan wayyaanee kutannaa kanaan kan baarage doorsisaan kanneen gaaffii kana gaafattan shororkeessitoota jechuun mana hidhaatti ukkaamsee jira. Hojjetaan waarshaa kanaa Irrigation irraa Alamaayyoo Mitikkuu jedhamu sababa kanaan kan hidhame yoommuu tahu hojjettootni gamtaan diddaa isaanii jabeessanii jiran. Itti gaafatamaan waarshaa kanaa Abaay Tsehaayyee kan jedhamu gaaffii kanaaf hatattamaan deebii barbaaduuf waadaa kan seene tahuu beeksisuun guyyaa haraa federaalota hedduumminaan bobbaasuun hojjettoota humnaan hojjechiisuuf duula gaggeessaa jiru. Hojiin waarshaa kanaas gaaffiiwwan mirgaa akkanaan laamshaaa jira. Hojjettootni waarshaa Sukkaara Fincaaaas gaaffiiwwan mirgaa wal fakkaataan hojii dhaabanii turuun isaanii ni yaadatama.

No comments:

Post a Comment