Monday, October 14, 2013

Miseensotni EPRDF ji’a tokko keessatti baay’inaan 20,000 ol tahan miseensummaa fi hojii siyaasaa EPRDF keessaa bahuuf iyyannoo galfatan


Onkoloolessa 12,2013 Finfinnee

Miseensotni EPRDF ji’a tokko keessatti baay’inaan 20,000 ol tahan miseensummaa fi hojii siyaasaa EPRDF keessaa bahuuf iyyannoo galchuu isaanii qabeenyi humna namaa HRM federaalaa saaxile
Mataan mootummaa wayyaanee Mallas Zeenaawwiin erga du’aan boqotee amanamtoota EPRDF kan tahan hedduumminaan ofitti amantamummaa dhabaa dhufuun isaanii beekamaa dha. Haalli kun daran jabaachaa kan dhufe hojjettootni siyaasaa EPRDF fi miseensotni EPRDF yeroo dheeraa yeroo amma miseensummaa of irraa haquu fi dirqama mootummaa wayyaaneen kennu galmaan geessisuu dhabuun jabaataa dhufee jira. Haalli kunis yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun ji’a tokko duwwaa keessatti miseensotni EPRDF kan tahan miseensummaa EPRDF of irraa haquuf Human resorce managment tti iyyannoo galchatan baay’inaan 20,000 ol tahuu HRM federaalaa saaxilee jira. Hojjettootni siyaasaa mootummaa wayyaanee baay’inaan hamma kana tahan ji’a tokko duwwaa keessatti duwwaa iyyannoo miseensummaa fi hojii siyaasaa irraa dhaabbachuuf iyyannoo galchuun isaanii hangafummaan bututa mootummaa wayyaanee fi jijjiirama walii galaa kan hubatan tahuu irraa tahuu HRM saaxilee jira. Mootummaan wayyaanee haala kanaan burkutaa’aa deemuun isaa yaaddoo miseensota EPRDF tahuu irraan qeerroon bilisummaa wareegama qaqqaalii kaffalee guutummaan bittinsuuf hojii jabaa haala yeroo kamuu ol baasuu isaa addeessa.

No comments:

Post a Comment