Wednesday, October 2, 2013

Waamicha Walgahii Ummataa, Konyaa ABO – Washington, DC, Sanbata Onkolo. 05, 2013

Barruu Waamichaa
Akkuma beekamu uummanni keenya erga gaafa humna Habashaan cabee waanjoon gabrummaa itti fe’amee qabee hacuucamaa fi ajjeefamaa har’a gahe. Kana iggitti itti tolchuufis ta’e wanjoo gabrummaa kana ofirraa gatuuf waan uummatoonni gabrooman hojjetanii gabrummaa jalaa of baasan hundayyuu hojjennee yoo argamne qofaa biyya keenyaa fi qabeenyaa keenyarratti abbaa ta’uu kan dandeenyu. Kanaaf, konyaan ABO Washington DC dhimma kana ilaalchisee walgahii uummataa deemsisuuf qopheesaa xuxmuratee guyyaa isaa eegataa jira. Akkasumas, akkaataa qabsoon biyya keessatti adeemaa jiru waan ibsi bal’aan godhamuuf, ummanni Oromoo Washington DC fi naannoo isheetti argamtan marti bakka kanatti argamtanii akka qooda keessatti fudhattan kabajaan isin affeerra.
IUOf!
Konyaa ABO – Washington, DC
Guyyaa: Onkoloolessa 05, 2013
Iddoo: Haward University,
Blackburn Digital Auditorium
2400 6th St. NW Washington, DC 20059

Sa’ati: 09:00wd – 09:00wb (09:00am – 09:00pm)

No comments:

Post a Comment