Saturday, October 12, 2013

Hojjettootni hidha Abbayyaa gaaffii dabalinsa miindaa gaafataniin deebii hatattamaa waan dhabaniif hojii gadhiisuu irratti argamu.

Onkoloolessa 11,2013 Finfinnee

Gaaffiin dabalinsa miindaa Impaayera Itoophiyaa keessatti jabaachaa dhufuun isaa beekamaa dha. Haalli kunis kan daran jabaate hojjettootni hidha Abbayyaa guutummaan dabalinsa miindaa gaafatanii jiran. Mootummaan Wayyaanee gaaffii isaanii kanaaf deebii hatattamaa laachuu waan dideefis hojjettootni hidha Abbayyaa kunneen hojii gadhiisuu irratti argamu.
Haala kanaan Hanga ammaa hojjettootni 200 ol tahan hojii dhaabuudhaan gadhiisanii jiran. Rakkoon fayyaas hojjettoota hidha kanaa mudachaa kan ture yeroo ammaas daran jabaatee jira. Waardiyootni hidha kanaa poolisoota federaalaa tahanis hojjettoota waliin rakkoon mudachaa jiru akka hiikamu gaafachuun hatattamaan hin hiikamu taanaan hojii dhaabuuf murteessuu isaanii beeksisaniin jiran. Jala deemtotni Wayyaanees gocha kanaan kan dhiphatan yoommuu tahu, hojiin hidha kanaas laamsha’uu irratti argama.

No comments:

Post a Comment