Onkoloolessa 22,2013 Diillaa
OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattootaa Impaayera Itoophiyaa keessaa jabaachaa kan dhufe Yuunivarsiittii Diillaa dame eSamaaraa keessatti haalaan finiine. Qeerroon Yuunivarsiitii Diillaa gaaffiileen mirgaa bara darbe gaafachaa bane tokko illee deebii argatee hin jiru jechuun gamtaan walitti bahuun Bilisummaa jechuun dhaadatanii jiran. Rakkoowwan bulchinsaa fi gaaffiilee mirgaa ukkaamsamaa tureef itti gaafatamummaan mootummaa abbaa irree wayyaanee tahuu uummatni haa baru jechuun soda malee barattoota gamtaan qindeessuun dhaadannoo isaanii dhageessisanii jiran. Mootummaan Wayyaanee barattoota keessumaa ammo barattoota Oromoo hidhuu fi ajjeesuu irraa haa dhaabbatu, baajatni Yuunivarsiitii keessaa dhimma siyaasaaf ooluu hin qabu jechuun diddaa dhageessisanii jiran. Mootummaan wayyaanees akkuma bare gaaffii mirgaa rasaasaan dhaabuu fi dargaggoota hidhuuf yaalii taasisu irratti nuyi wal irratti duuna jechuun barattootni gamtaan waraana wayyaanee dura dhaabbatanii jiran. Yeroo ammaa kanas dame hundumaa keessatti guutuun gaaffiin mirgaa finiinaa jira.