Onkoloolessa 03,2013
Mootummaan Wayyaanee Uummattoota Impaayera Itoophiyaa keessaa xiyyeeffannoon ilmaan Oromoo hidha, ajjeesa, saama, qeee irraa buqqisa… shira daangaa hin qabne irraan gaha. Gochaan farrummaa mootummaa wayyaanee kun yeroodhaa gara yerootti dhihee bariiu caala malee hin hiratu. Kun sababawwan gurguddaa armaan gadii irratti xiyyeeffatamuun hojjetama.
1. Lafti Oromiyaa lafa qabeenya Uumamaan badhaate, albuudota hedduu qabdu, lafa investimentiif mijattuu… dha. Impaayera biyyattii keessatti biyya DIAMOND taate dha. Mootummaan wayyaanees bittaa umrii isaa dheereffachuuf hojiin hojjetu inni guddaan dinagdee isaa guddifachuu dha. Dinagdeen mootummaa wayyaanee guutummaan guutuutti jechuun kan dandaamu qabeenya lafa Oromiyaa irraa argamuuni dha. Lafa Oromiyaa irraa dinagdeen kamuu galii hin tahu taanaan humni wayyaanee dadhabaa tahuu irraa itti fufinsaa fi xiyyeeffannoon lafa Oromiyaa barbaadu. Kanaaf Uummata Oromoo hidhuun, ajjeesuun gaaffii abbaa biyyummaa tasa akka hin kaasne gochuuf waan hojjetaniif ilmaan Oromoo nagaa mana hidhaatti ukkaamsu.
2. Uummatni Oromoo mootummaan wayyaanees tahe nafxanyummaan biyya isaa keessatti akka hin diriirreef qabsoo wal irraa hin citnee fi wareegama qaqqaalii gaafatan taasisaa as gahe. Qabsoon uummattoota biro Impaayera biyyattii keessaa akkasiin Jaarmayaan qindoomina qabuu fi muuxannoo qabu hin jiru. Kun ammoo mootummaa wayyaanee daran dhiphisa. Jaarmayaan muuxannoo qabu aangoo irraa darbuu akka dandau akkasumas haqa qabeessa tahuu irraa uummata waan hawwatuuf uummata harkaa baasuu dandaa. Paartiiwwan amaaraa hedduun wayita diddaa taasisan hin hidhu. Kunis jaarmayaan isaan qabanii fi muuxannoon isaanii dadhabaa akkasumas ajandaan isaanii ajandaa abbaa biyyummaa osoo hin taane aangoo barbaacha tahuu beeka. Uummatnis haalaan akka hin hawwatamneef haalaan waan beekuuf xiyyeeffannoo ilmaan Oromoo irratti taasisee duula gaggeessa.
3. Gaaffiiwwan mirgaa Uummata Oromoon taasifaman rakkoowwan uummata biyyattii furuu kan dandau tahuu wayyaaneen haalaan beeka. Gaaffiiwwan akkanaa hidda qabannaan uummatni lammii biroon qabsoo kana waliin akka hiriirus beeka. Gaaffiiwwan mirgaa OPDO keessatti kaan illee paartiiwwan EPRDF tahan TPLF, ANDM, SEPDM mara keessatti diigumsa waan uumaniif ABO jaarmaya Uummata Oromoo waan taheef habashootnis kana waan beekaniif osoo dhugaan jiru hin dubbatamiin mana hidhaatti ilmaan Oromoo ukkaamsa.
Egaa sababoota gurguddaan Wayyaanee irratti xiyyeeffachuun uummata Oromoo nagaa mana hidhaatti ukkaamsu hangi tokko kanneen armaan olii kana.