Monday, October 21, 2013

warri ormaaf ergamuu jiruu isaanii godhatan abjuun ittihammaatee, irribni toluu dinnaan, ‘ooda’ gaafachuu gara gooftaa isaanii imalan jedhama. Gooftaan isaaniis rakkoo isaanii dhaggeeffatee hanga ayyaanni isaa ittimuul’ise fala himeef. ‘ilmi abaarsaa gaangee abaarsaa fe’ata’ akkuma jedhan jarris ooda gooftaa isaanii fudhatanii galanii “........




Jiituu Lammii –Unbarsiitii Finfinnee | Onkololeessa 20, 2013

 Dhaloota Dhugaa Dhaale
Bara 2006, warri ormaaf ergamuu jiruu isaanii godhatan abjuun ittihammaatee, irribni toluu dinnaan, ‘ooda’ gaafachuu gara gooftaa isaanii imalan jedhama. Gooftaan isaaniis rakkoo isaanii dhaggeeffatee hanga ayyaanni isaa ittimuul’ise   fala himeef. ilmi abaarsaa gaangee abaarsaa fe’ata’ akkuma jedhan jarris ooda gooftaa isaanii fudhatanii galanii “… kitaabni barnoota afaan Oromoo tokko otoo hinafne barataarraa nuu funaanaa…!” jechuun labsii baasan. Akkuma jedhame kitaabni Afaan Oromoo walitti qabamee, ‘hogeessi’ dhibee achi keessa dhokatee abjuu nama yakku qoraachuu danda’u filatamee, kitaabicha fuula fuulaan as qabanii, achi qabanii dhamaatee guddaa boodaa “…falli argame…!” jedhanii, maddi rakkoo isaanii isuma ta’uu irratti walii galanii, daboon ba’ee suurriifi seenaan J/Taaddasaa Birruu fuula kitaaba barnootaa keessaa buqqa’ee akka gubatu ta’e. “Ishoo!! Qabbanoofne. Falli argame. Kana booda obbaafanne…!” jedhanii ililleen hanga dhabee, gooftaa isaaniif hooqubaa galchanii ofii galanii rafnaan dubbiin ittuu caale. Nagaanis hinargamnee, abjuunis hintolle. J/Taaddasaa dhugaa saba isaatu uume. Dhaloonni ittaanummoo dhugaa kana dhaale. Muul’ata kana fudhatee ba’e. Kanaaf diina yaaddessa. Kanaaf diina abjuun milkii dhabe. Otoo beekanii Dhaloota dhugaa dhaale, saba muul’ata fudhatee bobba’e dura dhaabbatan.
Ammas seenaa kana dhaggeeffadhaa. Waggoota jahan baranaati. “Gadaatu saddeeta naanna’e; kuni seenaa addaati… ‘millennium’ Toophiyaatu gahe…” jedhamee, addunyaan dhagahee, masaraa guddaa ijaaranii, cidhii guddaan qophaa’ee, “…maaloo nurraa hinafiinaa…!” michoota isaanii kadhatan. Guuyyaa cidhichaa, misirroon cidhichaa arraba qaratee, gaachana rasaasa qolatu gidduu dhaabatee amaamota isaa fuulduratti: Jabina abaabayyuufi akaakayyuu isaa jajee, qaroomina isaa faarsee, hunda caalammoo jabaa jabaa caalu ta’uu isaa nu akeekkachiisee guyyichi darbe. Warrii kaanis jala jalaa ka’anii isuma dur dhageenye irradeddeebi’anii, faarsanii, gabbisanii akka nuti hindagannetti nu yaadachiisuu yaalan. Dubbachuuf jarri sibiila uffatanii sibiila qabatanii qe’ee nu dhuunfatanii,  otuma beeknu, akkuma isaa wallaallee otuma dhaggeeffannu bara eegganne. Gaafa guyyaan gahe, hidhannoon sibiilaa, hirree jabaataan, gaachanni sibiilaa Adda Dhaloota Dhugaa Dhaalee, saba muul’ata qabuu duratti hinoofkaluuti – Mataan warra dhugaa cabsuuf dhaadatuu harka dhoksaatiin yoo mataarra rukutamu arginee bubbultii keessa  nus kunoo dhuga baatuu taane.
Dhaloota dhugaa dhaale fuuldura homtuu hindhaabatu. Dhugummaa dubbii kanaa caalatti qalbeeffachuuf ammas seenaa biraa daballee haa ilaallu. Gurmuun diina dhaloota kana fuuldura dhaabachuuf jecha karoora tokko baase. Akka karoorichaatti, koree tokka ijaaramee dhaloota dhugaa dhaale, saba muul’ata qabu ajjeesuuf bobba’e. Hunda dura, mataan koree kanaa nama Abbaa Duulaa Gammadaa jedhamu (Jenerala raayyaa waraana Wayyaanee, yeerichatti, ittigaafatamaa dhimma oddeeffannoo raayyaa waraanaa) kan ture ta’uu seenaa boriif jecha haa qalbeeffannu. Koreen kun namoota dhugaa sabaaf dubbatan, namguddoota seenaaf duudhaa sabaa beekan ajjeesuu akeekkate. Ajaja koree kanaan Sabboontota Oromoo hedduutu galaafatame. Bal’ina dubbii kanaa seenaaf  bulchinee Ka’umsa dubbii keenyaaf akka tolu qofa waa tokko ilaaluu yaalla.
 Sabboontonni hedduun galmee jara kanaarratti qabamaniiru. Eessaafii eenyurraa akka jalqaban erga mar’I’atanii booda murni tokko ambotti qajeele. Eenyufaa akka du’an maqa namoota hedduu tarreeffatee, galgaltuu, magaala Amboo,  masaraa mootummaa durii keessatti walgahe. “Eenyu haa ajjeefamu…?”  maqaan sabboontotaa hedduu erga tarreeffamee booda, harki lakkaawamee sagalee caalmaatiin murteen kan obbo Daraaraa Kafanii ta’e. Daraaraan Ajjeefame!! Duuti sabbonaa kanaa goota lakkooftuun ittihinbaane Ambo keessaa biqilche. “…Daraaraa; dhiigni kee halkan tokkotti goota kumaatama akka biqilchu ormi hinbeeku…!” jechuun uummanni Oromoo naannoo Amboo xiiqiidhaan dhaadate. “Otoo beektee nattuu hinduttu.” jedhe qeerransii sareedhaan. Warrii dhaloota dhugaa dhaalee du’aan dhaabuuf yaalan Dhugaan laphee dhalootaa dhuunfate ajjeesuu akka hindandeenye arganii qaaniidhaan jiraatti goguu jalqaban. Warrii har’a lubbuun hafan jireenya akkamii akka jiraatan qalbfeeffadhaa! Dhiigni dhaloota dhugaa dhaalee jiraatti nama ajjeesa. Gootota lakkoofsi ittihinbaane biqilcha.
Ammas waatokkon dabala, haalli mijataa ta’uu baatullee, sabboonummaan jajjabaatee, dhaloonnii seenaa, afaan, adaa, safuu, walumaagalattii eenyummaa isaa barbaadu heddummataa deemuun rifaasuu diinaa dachaan dabale. Gaaftokko namguddoonniifi dargaggoonni muraasni Waldaa Maccaafi Tuulamaa jalatti koree Aadaafi Seenaa hundeessuun guddina sabboonummaa Oromoo daran saffisiisuu eegalan. Birraa barii, Irreessa qabatanii Irreeffannaaf Oromoo dammaqsanii gara Hora Harsadeetti qajeelan. Diina duraanuu yaaddootti jiru yaaddoo dabalataa itti ta’e. “Taa’anii ilaalurra” jedhanii, kashlabboota ganda keessaa maallaqaan bitee namguddoota kana karaatti miidhuuf yaalii godhan. Sabni dhugaa qabatee ka’e galaana. Har’a, Oromoon Ayyaana kanaaf Harsadiitti walga’u diina balbala duraa mitii ormaa fagooyyuu raajera. Warri baras Maanguddoota muraasaarratti okkara qindeessan har’a liqimfamanii harka kennanii, otoo hinjaallanne Oromoo wajjin yoo Irreessa baatan argaa jirra. Dhaaloonni dhugaa dhaale, diina duuffisa. Liqmsii bira darba. Kunis moo’icha Qabsoo Oromoof ragaa tokko.
Addi dhaloota Dhugaa dhaaalee labsii labsiidhaan diiga. Mee dubbii koo xumuruun dura ammallee waatokko waliin haa yaadannu. Waggoota muraasa dura, “Oromoon akka Finfinnee gadi lakkisu labsii baase. Labsiin kun hanga har’aatti Oromoo biratti moggaasa “guyyaa gaddaa” jedhamuun yaadatama. Waggaa tokkoo booda, haalli labsii kana labsiin diigu dhalate. “Finfinneen kan Oromooti!!!” jechuun labsii labsiin diige. Ittidaddabaluun, “manneen barnootaa Addaa Afaan Oromoo ittibarsiisan Finfinnee keessatti akka ijaaraman, Giddugalli Aadaa fi Seenaa Oromoo achumatti akka dhaabatu.” Jechuun danuu wixxifatan. Diinni faayidaa mataa isaatiif jecha olii gadi gaggaragalullee, ciniinsuu kana duuba dhugaa tokkotu jira. Dhugaan Saba muul’ata qabuu waraana dhokataa namatti kaasa. Halkan irriba dhoowwee labsii labsiin geeddarsiisa.
Dubbii koon guduunfa. Dhaloonni dhugaa dhaale galaana. – gaara jigsee, tulluu buqqisee, hededa diigee, haafaafi haasura karaarraa haxaayee deema. Dhaloonni dhugaa dhaale, sabni muul’ata qabu bu’aa bayii har’aa ilaalee galma isaarraa hingufatu; dadhabbii har’aa dhaggeeffatee waakkiin wal hindadhabsiisu; ulfina boruu caalchifata; galma buruut ilaala – Obsaaf hubannoodhaan lafa kakuu isaatti xuruura. Eebbaan galma isaa dhuunfata. Otoo diinni hinaafuu,otoo ormi danqaafi danqaraa karaa isaarraa tuuluu – akka galaana hidha diigee, furga’ee timjii isaa dhuunfata. Diina liqimsee, duuffessee, kararraa caccabsee dhawaata biyya isaa deeffata. Burqaan isaa mirgisee yaa’ee lafa gogaa magarsa; galaana hinguune ta’ee gaafa caamsaan hammaatu, bara bonni jabaate ittibaqatu. Kuni egeree saba kiyyaati. Dhugaa saba muul’ata qabuuti. Warrii egeree kana arguu dadhabdanii karaarraa maqxanii gumgumtan karaatti deebi’aa. Dhaloota dhugaa dhaaletti makamaa; Wajjiniin bobba’aatii lafa eebbaa dhuunfadha. Yookaniif “Okolee diddu, Okkotee hindiddu” akka jedhan ta’a. Dhaloota dhugaa dhaale, saba muul’ata fudhatee bobba’e wanti dhaabu hinjiru. Xumureerra!!
   Injifannoon Ummata Oromoof!!

No comments:

Post a Comment