Sunday, October 20, 2013

Wallagga,Aanaa Eebantuu Keessatti Hojjettooti Mootummaa Sirna Wayyaanee Mormuun Maqaa Hidhaa Laga Abbaayyaan Maallaqa Guuramu Dursa Dhaabbatan.

Onkoloolessa 18/2013 Mootummaan Wayyaanee Maqaa hidhaa /Jallisii Galaana Abbayaan/ dinagdee walitti guuruuf hojjetoota mootummaa irraa akka Diangdee/Horoo guuraniif Dabballoota OPDO Godina Wallagga baahaa Aanaa Eebantuu Magaalaa Hindeetti Hojjettoota Waajjira Qonnaa aanaa Eebantuutti bobbaasuun wal ga`ii godhuuf saganteeffatte mormmiin muudate.
Hidhaa Galaana Abbayaaf Miindaa keessanirraa dinagdee akka murtanii galii gootan jechuun wal ga`iirratti yeroo Dabballootni OPDO/Ergamtotni Wayyaanee yeroo isaan wal tajjiirraa jecha kana dubbatan hirmaattonti wal ga`ii Gaaffiin muddan. Nuti akka Hojjettaa waajjira Qonnaa Aanaa Eebantuutti ammaan duras gaaffii isin gaafanne qabna.
Gaaffiin keenya gaaffii Mirgaa fi gaaffi eenyummaati. isin gaaffii keenyaaf deebii kennuu dhiifatanii gaaffii keenya dagachuun mirga keenyarra ejjetanii Horrii nurraa guuruuf dhuftan.
Hanga gaaffiin Ummata Oromoo deebii argatutti Dinagdee tokkollee hin kenninu. Wal ga`ii OPDO-n nu waamuttis hin hirmaannu jechuun Warra wal ga`ii geggeessuuf dhufe Qaanessanii wal ga`ii isaanii dhiisanii ba`uu fi Dabballoota OPDO qaanessanii ofirraa deebisaniiru.
Humna namaa hanga 70 ol kan ta`an hojjettoota waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Eebantuu murannoo fi kutannoo tokkoon gamtaa fi tokkummaan Dura dhaabbannaa isaanii Mootummaa Wayyaaneetti agarsiisuun wal ga`ii isaanii irratti akka dinagdee tokkollee maqaa hidhaa Galaana Abbaayaa jedhuun ykn guuramu akka hin kenninee fi yaada kanallee akka moramanii fi nuti gaafiin keenya gaaffii Bilisummaati! jechuun yaada isaanii ibsachuun wal ga`ii sanas diiguun murannoo fi kutannoon dura dhababannoo isaanii itti muli`saniiru.
Waan kanas akka Qilleensarra nuufa oolchitan jechuun Namootni 70 hojjettootni Waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Eebantuu dhaammataniiru.
Gamtaa fi Tokkummaan yoo hojjennee fi diina keenya dura dhaabbanne akka in jifannu shakkii tokko hin qabnu jedhaniiru!

No comments:

Post a Comment