Thursday, October 10, 2013

Leenjifamtootni waraana Ittisa biyyaa Injineering baay’inaan 2000 tahan bakka leenjii gadhiisanii bahuun diddaa jabaa dhageessisan

Onkoloolessa 10,2013 Finfinnee
Uummata nagaa Impaayera Itoophiyaa keessaa humnaan bituuf hojiin wayyaaneen hojjetu dinagdee isaa guddisuu irratti dabalee humna waraanaa isaa guddisuu dha. Kana galmaan geessisuuf Waraana Ittisa biyyaa keessaa naannoo Affaar Godina 3 aanaa Amiibaaraa magaala Malkaa Siidii keessatti Engineering dhaan baay’inaan 2000 tahan leenjisuu irratti argama. Leenjifamtootni waraana ittisa biyyaa magaala kanatti leenji’an guutuun mootummaa wayyaanee waliin wal dhabuun bakka leenjii gadhiisuun magaala Awaash seenanii jiran. Leenjifamtootni waraana ittisa biyyaa mootummaa wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf humna namaa fayyadamuu malee nageenya keenyaaf homaa yaaddoo irraa hin qabu, miindaan kaffalamu gad aanaa dha, leenjifamtootni naannoodhaan akka wal qoqqoodan taasisa jechuun mormuun leenjii addaan kutuun magaala Awaash seenanii jiran. Yeroo ammaa kana leenjifamtootni waraana ittisa biyyaa Injineeringiidhaan leenjifaman baasii mataa isaaniin rakkachaa kan jiran yoommuu tahu gariin ammoo dhiisuun gara warra isaaniitti galuu irratti argamu. Mootummaan wayyaanee waan takkaa isa hin mudanne kutannaa gamtaa kanatti dhiphachuun maanguddoota baasee kadhaa irratti argama.

No comments:

Post a Comment