Saturday, October 26, 2013

Sirni Awwaalchaa J/Obsee Kabajaa Olaanaan Raawwate

October 26, 2013 by Oromedia

(Oromedia, 26 October 2013) Sirni awwaalchaa, Jaal Obsee Margoo, bakka maatii, firoottanii ishii akksumas miseensootii fi deeggartooti qabsoo bilisummaa Oromoo heddumminaan argamanitt biyya Norwey magaala Berganitti Onkoloolessa 11, 2013 akka aadaa fi sirna amantii ishiitti raawwate.
J Obsee (8)Waa’elli keenya Dassuu Duulaa akka nuuf ibsetti, sirna awwaalachaa kana irratti Oromooti Hoolandi, Jarman, Ingilizii fi bakkoota aaddaddaa jiraatan Onkoloolessa 24, 2013 Norwey Bergan seenuun akka aadaa biyyaatti reeffatti nagaa dhaammatan.
Akkanaan sirna awwaalchaa Jaal Obsee Onkoloolessa 25, 2013 bakka Oromooti kumaa ol ta’an  otuu ilaalchaa fi amantiin adda walii hin qoodiin sirna kana irratti argamuun jaalalaa fi kabajaa Hayyu Duree ABO fi maatii isaaniif qaban agarsiisanii jiru.
Oduun nu gahe akka ibsutti, sirna awwalchaa kana irratti Jaal Daawud Ibsaa fi Oromooti argaman marti gadda dhugaa ibsachuun cinattis, jabinaa fi murannoo Jaal Obseen qabaachaa turte dabaree dabareedhaan ibsaniiru.
Sirna awwaalchaa kana irratti seenaa Jaal Obsee ibsame irraa akka hubatametti, Jaal Obsee Taadassaa Margoo abbaa ishee obbo Taddasaa Margoo fi harmee ishee addee Enkuayehush Hundee  irraa Sadaasa 29 bara1976-tti  Oromiyaa Lixaa,  magaala Mandii Ganda 01 keessatti dhalaatte.
J Obsee (10)Jaal Obseen obbolaan dhiiraa lama; Danel Taddasaa fi Tottobaa Taddasaa; Obbolaa durbaa Shan; Asgedech Taddasaa, Masarat Taddasaa, Mariyam Taddasaa, Abayinesh Taddasaa fi Tenanyee Taddasaa akka qabdus beekamee jira.
Jaal Obseen barnoota ishee sadarkaa duraa fi olaanaa (lammaffaa) magaala Mandii mana Barumsaa Mana-sibuu keessatti baratte.
Qabxiin barumsa sadarkaa olaanaa kan Yuniversitii ishee galchu galmeessuun, barnoota ishee Yuniversity Finfinnee galtee barachuu eegalte. Barnoota waggaa tokko duuba jeequmsa Yuniversitii Finfinnee keessatti ka’een barnoota ishee itti fuftee xumuruu akka hin dandeenye kan ibsame yoo ta’u, iyya keessatti miidhaa fi dhiibbaa irra gaheen  gara biyya Keenyaa, Nairobiitti baqattee turtii yeroo muraasaa booda,  Bitootessa bara 2000 keessa gara waajirri qabsoo bilisumma Oromoo argamutti, Asmara seenuun barnootaa fi leenjii miseensumaaf barbachisuu fudhatee sirnaan miseensummaa dhaabaa guuttate, miseensa ABO  taate.
Ergaa biyyaa Eritrea seente waggaa lamaa booda,   Muddee 5, bara 2002 Hayyu Duree Gumii Sabaa ABO Jaal Dawud Ibsaa waliin sirnaan gaa’ila isaanii kan rawwatan yoo ta’u, biyya Eritrea turtii waggaa 12 ol keessatti gaddaa fi gammachuu Oromoo fi qabsoon Oromoo qabu irrattii hirmaachuun fi haawaasaa fi qabsoo Oromoo tajaajiluun hojii boonsaa dalagaa akka turtes mirkanaa’eera.
J Obsee (6)Xumuraa bara 2012 irratti obboloota ishee bara dheeraaf adda baate waliin wal arguuf Asmera/Eritrea irraa waraqaa yeroof argatteen gara Awropaatti ka sochoote Jaal Obseen, haala waraqaa yeroo fi eenyummaa ishee waliin wal qabateen karaa irratti didhaan ishee mudatus dhuma irratti obboloota ishee garii waliin qaamaan wal arguu itti akka milkoofte illee himame jira.
Rakkoo Waraqaan sochii irraa qabdu furachuun fi gara abbaa warraa ishee duubbee qabsoo jirutti deebi’uuf hawwuu fi karoorfachun iyyannoo hirkattummaa siyaasaa gaafattee naannoo oboleessi ishee qubatee jiru, naannoo Bergen, wayita qubattee jirtutti, dhukkuba tasaa Onkoloolessa 8 bara 2013 qabeen wal’aansa hatattamaa mana wal’aansaa naannoo Bergenitti yaalamaa erga turtee booda, Onkoloolessa 11 bara 2013 addunyaa kana irraa boqotte.
Namooti sirna awwalachaa kana irratti argaman akka ragaa bahanitti,  jalaalli Oromoo fi Oromummaa ishii kan daangaa hin qabne Jaal Obseen, nama uumaan garaa lafinaan guutamte fi nama hunda gargaaruuf fedha qabdu, haadha namummaa ti.
HD GS ABO Jaal Dawuds Ibsaas gaafa 15/10/2013 namoota isaan jajjabeessaniif xalaya galataa barreessan keessatti rifaatuu balaa tasaa mudateen tuqamanis, hirmaannaa fi birmannaa seexessaa golee Oromiyaa fi addunyaa mara irraa isaanifi darbeen akka jajjabaatan  dhaamanii jiru.

No comments:

Post a Comment