Wednesday, September 24, 2014

Ayyaanaa Irreecha Bara 2014 Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo …
———————-
Gadaa.com

Fulbaana 22/2014 Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ayyaanaa Irreechaa Birraa bara 2014 Hora Arsadii fi godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti kabajamuuf jiruu ilaalchisuun Uummatni Oromoo nagaan akka kabajatuuf qophii fi enyummaa, tokkummaa fi jaalaala waliif qabu akka jabeeffatuuf ibsa qabxiijaha(6) qabudabarse.
Seenaa uummata Oromoo kessaatti ayyaanni guddaa fi kabajamaa keessaa tokko ayyaana irreechaati. Ayyaanni kun uummata Oromoo biratti Waggaa keessatti yeroo lama kabajama. Kunis Ayyaanaa Irreecha Birraa fi Ayyaana Irreecha Arfaasaa jedhamuun Ayyaana Oromoon kabajatudha. Ayyaanni Irreechaa waktii Birraa baroota dhufaa darbaa fi bittaa mootota fi mootummoota abbooti irree biyyaatti bitaa jiran biratti barrii Oromoon tole jedhee nagaan manaa ba’ee nagaan ayyaaneffatee, Irreeffatee galee beeku takkaa hin turre. Ayyaannichi biyyaattii keessatti Ayyaana Oromoo ta’uu fi Waan Oromoon qofti Ayyaana kabajamaa fi jaalatamaa kana irratti walittii dhufee Ayyaaneeffatee jaalaala, gammachuu, tokkummaa fi eenyummaa isaa waan jabeeffatuuf abbootiin Irree warrii Oromoon akka walitti hin dhufne hin barbaadne afaan qawween dura dhaabbachaa turan dhaabbachaas jiru, Sabboontota Oromoo fi jaalattoota ayyaanaa kanaa fi leellistoota ayyaana kanaa fi Amantii Waaqqeffaanna dhibbootan lakka’amanituu badii tokko malee eenyummaa isaaniin yakkamee hidhatti guurama ture, guuramas jira. Dhiibbaan hangamiituu utuma jiruu Uummaatni Oromoo bara irraa gara baraatti kan Ayyaana Irreechaa Arsadii irraatti argamu miliyoonaa hedduun dabalaa dhufuun uummatichi eenyummaa Amantii, Aadaa, Duudhaa fi Safuu isaa irraatti wareegama qaalii baasuun sadarkaa har’aa kana irraga’ee jira. Sababaa Ayyaana kanaan Wal qabatee bara Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO Uummatni Oromoo waggaa 23 guutuu dachaan hidhatti guuramee hidhamee dararama, human waraanaa itti bobbaasuun bakkeetti safuun irraa mulqamee uuffatni aadaa Oromoo illee irra baafamee badii tokko malee mana hidhatti darbama as ga’ee jira. Haalaa Suukaneessaa akkasii keessaatti Oromoon eenyuummaa isaa irratti cichuun tokkummaa isaa fi Jaalala Oromummaa waliif qabu jabeessuun kabaja Ayyaana Irreechaaf qabu jabeessuun itti fufee jira.
Haaluma raafama biyyaattiin keessa jirtuu fi Dhiibbaa Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO’n uummata Oromoo irraan ga’aa jiru irratti hundaa’uun Ayyaana Irreecha kan bara 2014, gaafa guyyaa Onkoloolessa 5/2014 ykn Fulbaana 25/2007 A.L.Htti Kabajamuuf jiru irratti Hoggansii Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ayyaaniicha nagaan Uummatni Oromoo akka kabajatuuf hawwii qbu ibsuun Ibsa armaan gadii uummata Oromoo fi mootummaa afaan qawweetti fayyadamee uummata goolaa jiruuf dabarsee jira.
1. Uummatni Oromoo hundi baga jalbultii ayyaana Irreechaa bara 2014 isin ga’e! Barrii kun kan nagaa, tokkummaa, jaalaalaa fi Bilisummaa isiniif haata’u! Uummatni keenya bakka jirtan hundaa ayyaanaa irreechaa bara 2014 Hora Arsadiitti kabajamuuf jiru kana irratti arragamuun eenyummaa keenya, aadaa keenyaa, amantaa keenyaa, Safuu fi duudhaa keenyaa, tokkummaa fi jalalaa Oromummaa waliif qabnu akka dagaagsinuu fi guddifnu fi uummatni keenyaa nagaan ba’ee Irreeffatee akka galuuf Hawwii qabnuu fi waamicha Oromummaa uummata keenya hundaaf dabarsina.
2. Dargaggootni Oromoo, ga’eessotni fi beektootni Oromoo kabajaa fi ulfina uummata keenya irraa dhaallee uffachuun, manguddootaa fi ulfoowwaan Oromoof dursa laachuun ulfinaa fi Kabaja guddaa kessaattuu manguddoota, Dubartootaa, Dubartoota Ulfaa fi daa’immaniif kennuu fi garagarruun akka isaan nagaan ayyaneeffataniif akka koree naamusaatti tajajila barbaachisu uummata keenyaaf akka kennitan dirqama Oromummaa akkaba’atan isin gaafatna.
3. Medialeen walabaa Oromoo ayyaanaa beekaamaa fi kabajamaa uummataa Oromoomiliyoona 40 oliin simatamu kana abbootiin irree biyyattii bulchaa jiran Carraa tamsaasaa kallattii dhorkachuun ukkamsaa guddaa keessatti tiksaa akka jiran beekamaadha. Kanaafuu kallattii isiniif danda’ame hundaan ayyaanaa beekaamaa fi kabajamaa kana online uummata kee nyaa biyyaa keessa fi bakkoota garaagaraa taa’ee ayyannichaa hordofuu akka qaqqabsiftanii fi eenyummaa, Amantaa Waqqeffannaa, aadaa, safuu fi duudhaa, tokkummaa fi jaalaala uummata keenyaa addunyaa biyya lafaa hundaaf akka ibsitan fi guddiftaniif waamicha keenya isiniif dabarsina.
4. Mootummaan EPRDF/TPLF /OPDO’n bara baraan loltootaa fi poolisii kora bittinneessaa fi humnoota tikaa lakkofsaan hin beekamne ayyaana irreechaa irratti baajata guddaan ramaduun uummatni Oromoo waggaa 23 guutuu hidhaa, reebaa, eenyuummaa fi sabummaan yakkaa, safuu fi duudhaa uummatichaa cabsuun uummaticha salphisaa, dararaa har’a ga’uun seenaa keessatti galmeeffamee (Documented) kanta’eedha. Gochi suukkaneessaa fi abbaan irruummaan kun uummaticha eenyummaa amantii, aadaa, duudhaa, safuu, Jaalalaa fi tokkummaa isatti caalmatti kan cimsaa jiruu malee duubatti kan hin deebinee ta’uu hubachuun gochaad iinummaa fi faashistummaa boruuitti gaafatama seeraa fi seenaa jalaa isin hin baasne irraa akka of dhaabdan waamicha keenya dabarsina.
5. Humnootni nageenyaa, poolisii fi hidhattootni dhalootaan Oromoo taatan guyyaa ayyaana Irreecha dhufaa jiru kana akka dhala oromoo tokkootti, eenyuummaa Oromoo fi Oromummaa tiksuu, uummata Oromoof kabaja kennuu, Ayyaanaa beekaamaa fi kabajamaa Oromoof bakka guddaa qabaachuun uummatni Oromoo nagaan ba’een nagaan Irreeffatee akka galuuf dirqama Oromummaa ba’uun, kayyoo fi dirqamaa Mootummaa shororkeessaa TPLF/EPRDF akka hin fudhannee waamicha isiniif dabarsina.
6. Maayyii irratti Ayyaanni Oromoo Irreechi kabajamaa fi jaalatamaan kun uummata Oromoo hundaan kutaalee Oromiyaa garaagaraa irraa walitti dhufuun Hora Arsadiitti erga kabajamee booda kutaalee fi godinaalee Oromiyaa garaagaraatti batii Fulbaanaa fi Onkololeessa guutuu itti fufee kan kabajamuu want a’eef haaluma wal fakkaatuun akka kabajamuuf waamicha keenya jabeessinee dabarsina jechuun hoggansii Qeerroo Bilisummaa Oromoo waamichaa Walliigalaa uummata Oromoo hundaaf dabarsee jira.
Hubachiisa: Ayyaanni Irreenhaa baroota dhufaa darbaa Hora Arsadiitti Fulbaana 28 akka lakkofsa faranjiitti ykn Fulbaana 19 A.L.Htti kabajamaa kan ture, Oromiyaan Mootummaa mataa ishee waan hin qabneef giti bittaa halagaa jibbinsa uummaticha irraa qabu ibsuuf kan bara kana Onkololessaa 5/2014 ykn Fulbaana 25/2007 A.L.Htti jijjiruun ibsama jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Fulbaana 22/2014
Ayyaana Gaarii!

No comments:

Post a Comment