Friday, September 12, 2014

Wallagga,Najjoo Keessa Sochiin Diddaa Uummata Dabalaa Dhufe.

Gabaasa Qeerroo Wallagga Najjoo,Fulbaana 10/2014
Akkuma dura gabaasaa jirrutti lixa Oromiyaa Wallagga aana Najjoo keessatti fincilli kan itti fufaa jiruudha, odeessa ganama nu qaqqabe irraan halkan edaa magaalaa Naqamtee keessatti uummanni sakattaamaa buleera,namni daandii gubbaatti qabamee waan qabuu fi baatee deemu hunda sakattaaamuudhaan waraanni wayyaanee uummata goolaa jiraachuutu dhagayama. Ammas akka odeeffannoon nu qaqqabaa jirutti magaalaa Najjoo keessatti akkuma naannolee biroo sakattauudhaaf humni waraanaa gara sanatti ergamee jiru uummatatti bobbahee jira, kaayyoon isaanii uummata keessa humni WBO galee kan jiruu fi akkasuma sochiin uummata gidduutti gaggeeffamu haal
isaan sodaachisa jiru waan taeef jiraataan magaalaa Najjoo naannolee dabalatee sakattaamuu qaba kan jedhu humni waraanaa achirratti ramadamee kan jiru yoo tahu uummanni aanichaa humna waraana wayyaanee kana dura dhaabbachuun diddaa isaa mulisaa kan jiru tahuutu gabaasni Qeerroo addeessa. Akkasuma kan mootummicha yaaddessu naannolee adda addaa irratti tarkaanfiin fudhatamaa kan jiru kan akka shawaa lixaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jiruudha, jaleewwan mootummaa wayyaanee kan uummata hiraarsuu fi diinaaf saaxiluu irratti argamanii jiran irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira, kunis mootummaa wayyaaneetti yaaddoo guddaa taee kan jirudha, toohachuu kan hin dandeenye,mootummaan wayyaanee waraana isaa humnatti fayadamuudhaan uummata keessa bobbaasee kan jiruudha, gocha isaa irrattis uummanni Oromoo balaalefachuudhaan waraqaa garagaraa fi sochii qabsoo kan agarsiisa jiraniidha, sochiin uummataa fi barataa aanaa Najjoo keessa jiru yeroo ammaa mootummicha kan yaaddessaa jiru tahuu isaa gabaasni Qeerroo nu gahaa jira.

No comments:

Post a Comment