OromiaALutaContinua2011FDGBarattootni Oromoo manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qophainaa maqaa walgaiiafaan faajjessaa wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO teesisuuf humnaan dirqisiifamaa jiran Iyyannoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo fi gaaffiiwwaan waliigalaa qabate qopheeffachuun walgaii wayyaanee dura dhaabbatan.
Iyyaannoo Barattoota Oromoo manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi qophaina
Nuti dargaggootni Barattootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qophainaa irraa barachaa jirru haala yeroo irraatti hundaauun rakkinoota yeroo amma kanatti uummata keenyarratti feamee jiruu kanneen akka : dugugginsa Sanyii (Genocide), Siyaasa, Dinagdee , Qabinsa mirgoota Namummaa fi Dimookiraasii, gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi rakkoo Master Planii Finfinnee, irratti hundaauun baatii Ebla 2014 irraa eegaluun manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qophainaa Godinaalee Oromiyaa karaa garaa keessatti barachaa jirru rakkoon uummata keenyaa boqonnaa waan nu dhorkateef karaa seera qabeessaa fi Dimookiraatawaa taeen iyyaannoo keenya dhiyeeffaannee deebiin Mootummaa EPRDF/TPLF/OPDO irraa nuuf kennaame: Hidhaa, ajjeechaa, reebicha, fi barnoota irra ariiamu akka taee Oromoo mitii Addunyaa biyya lafatu raga nuuf baa. jiota gannaa kana keessas mootummaan kun maqaa walgaii jedhuun barattoota Oromoo Yuunibarsiitota biyyatti garaagaraatti humna waraanaatti fayyadamuun waamee barattoota gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafatan reebaa, hidhaa fi doorsisaa ture. Ammas maqaa walgaI fakkaataa afaan fajjii gaaffii uummataa dura ittin dhaabbachuuf jedhee walitti nu qabuun furmaata tokko illee hin qabu. Nuti gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf dursa deebii qubsaa barbaadna,
Mootuummaan Yakka dugugginsa Sanyii (Genocide) uummata keenya Oromoo irratti raawwatee jiru ; rawwachaa jiru kun Yeroo ammaa kanattii rakkoo ulfaata siyaasaa isa mudatee jiru keessa bauuf maqaa walgaii jedhuun barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota Olaanoo , Barsiisota sadarkaa garaagaraa irraa jiranii fi barattoota Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qophaina irraa barachaa jiran walitti qabuun dirqamaan afaan qawweetti fayyadamuun na jaalaadhaa, miseensa koo taaa fi na malee namni hin jiruu jedhu kun yakkaa dugugginsa sanyii uummata Oromoo irratti rawwataa jiruuf itti kan gaafatamu waan taeef, gaaffii keenyaaf hanga deebii argannee mirgi dimookiraasii fi namummaa uummata Oromoo kabajamutti FDG daran jabaatee itti fufa, walgaiin wayyaanee kan FDG kakasuu fi jabeessuu malee kan laffisuu miti, kana hubachuun ammas irra deebiin gaaffii keenya karaa nagaa fi Dimookiraasii ni dhiyeeffanna. Irraa deebiuun gaaffii keenyaas akka armaan gadii kanatti ni dhiyeeffachuun gaaffii keenyaaf hanga deebiin nuuf kennamutti walgaii diinaa fincilaan dura dhaabbanna.
Gaaffiileen buuraa fi ijoo rakkoo uummata Oromoof deebii gaaa barbaadan:
1. Yakka waraanaa gochaa duggugginsa sanyii(genocide) uummata Oromoo irratti mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO rawwachaa jiru waan taeef gocha diinummaa kana Cimsinee balaaleffachuuf Mirgii hiriira nagaa nuuf haa eeyyamamu.
2. Mootummaan Wayyaanee maqaa walgaii tarsiimoo Siyaasaa abbaa irrummaa isaa babalifachuuf olii gadii raafamaa jiruun barattoota Oromoo Yuunibarsiititti walitti qabee humna waraanaa itti bobbaasuun ni reebisee, qaama hirise, jumlaan hidhaati guuruun dararaa waan jiruuf carraan kun nuttis dhufaa waan jiruuf dursa mootummaan kun yakka fokkataa kanaaf itti gaafatamuu qaba. Barattootni hidhamanis hiikamuu qabu.
3. Uummaatni Oromoo manneen hidhaa garaagaraa keessaa jiran gaaffii tokkoo malee akka hiikamaan jabeesinee gaaffanna!
4. Mirgii abbaa biyyummaa Uummata oromoo kabajamuu qaba, Uummatni Oromoo akka guddina/baayina/ saba isaatti, akka baayina qabeenyaa isaatti fi akka balina saba isaatti mirgii isaa eegamaafii waan hin jirreef eegamuufii qaba.
5. Mirgootni Namummaa fi dimookiraasii kabajamuu, qabu, gaaffii karaa nagaa fi dimookiraatawaa gaafachaa jirruuf waraanaa fi poolisii Federaalaa gutummaa Oromiyaa irratti bobbaasuun ukkamsaan mirgaa uummata keenya irra kaaamee jiru nurraa dhaabbachuu qaba,
6. Master Planiin Finfinnee balaa guddaa uummata Oromoo fi qabeenyaa uummata Oromoof waan qabuuf hatattamaan haqamuu qaba!!
7. Mootummaan abbaa Irree uummata keenya Jumlaan ajjeesee , hidhaatti guuree hidhee gidirsee, kaan ajjeesee kaan barnoota irraa ariiateef dirqama itti gaafatamummaa fudhachuu qaba!!
8. Mootummaan abbaa Irree EPRDF/TPLF/OPDOn daramaa(Filmii) Sobaa qopheessuun karaa ETV fi media of harka qabuun argisiisuun adeemsa yeroo garaagaraatti maqaa qabsoo uummaanni Oromoo bilisummaa isaa gonfachuuf taasisuu maqaa balleessuun, tuffii uummata Oromoof qabanin sochii uummaatni Oromoo kabajamuu mirga namummaa fi dimookirsiif taasisu irratti filmii sobaa qopheessuun uummata keenya maqaa balleessuu irratti argamuuf mootummaan wayyaanee itti nuuf haa gaafatamu. Uummatni Oromoos taee ABO Shoroorkeessa miti. Shororkeessaan kan uummata nagaa qeeef qabeenyaa isa irratti dhukaasee ajjeesuu, hidhuun dararuu fi mirgoota dimookiraasii fi namummaa dura dhaabbatu mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO tauu ni hubachiifna.
9. Loltootni Mootummaa abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO mooraa dhaabbilee barnootaa fi Godinalee Oromiyaa garaagaraa irraa qubsiifamuun uummata goola jiran, gadhiisanii bauu qabu. Waraanaan doorsisuu fi waraanaa uummata nagaa irratti bobbaasuun gaaffii keenyaaf deebii miti.
10. .Manneen murtii wayyaanee Oromiyaa fi godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti argaman soda mootummaa wayyaanee abbaa irree garagaluuf jiruu murtii dabaa fi jallinaa uummata nagaa qeeef qabeenyaa isaa irraa humnaan wayyaaneen qabdee hidhaa jirtu irratti kennaa jiru irraa of dhaabuu qaba. Abbaan irree wayyaanee garagaluuf jiru itti gaafatamaa seenaa fi seeraa irra isin hambisuu waan hin dandeenyeef adeemsa afaan wayyaaneetti fayyadamuun murtii jallinaa kennaa jirtan irraa of dhaabuu qabdu.
11. Walumaa galattii gaaffiin keenya Gaaffii uummata balaa waliigalaa waan taeef maqaa walgaii tarsiimoo jedhuun Barattoota, Barsiisota, hojjettootaa, qonnaan bultoota, Poolisoota, dafqaan bultootaa, Daldaltootaa bakka garaagaraatti dirqamaan humna waraanaatti fayyadamuun fedhii uummataa malee walitti qabuun gaaffii uummata balaa Oromoof deebii waan hin qabatneef gaaffiii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba j echuun iyyaannoo keenya karaa nagaa fi Dimookiraasii itti fufnee jirra.
Injifannoon Uummata Oromoof!!
Fulbaana 29/2014