Tuesday, September 2, 2014

Gaafa Hagayya 31,Barattooti Oromoo Gaaffiilee Wal Fakkaataa Yuuniversitoota Mara Keessatti Kaasanii Hogganoota Wayyaanee Deebii Dhabsiisan.

Gabaasa Qeerroo Fulbaana 2,2014 Finfinnee
diddaa9Akkuma armaan dura gabaasaa turretti yeroodhaa yerootti walgayiin barattootaa yuuniversitiilee garagaraa irratti gaggeeffanaa jiruun gaaffiwwan adda addaa biqiluudhaan dhiyaataa jira, gaaffiin yuuniversitiilee Amboo,Wallaggaa,Bulee Horaa,Adaamaa, Jimmaa fi Mattuu irratti Hagayya 31/2014 walgayii irratti gaggeeffamaa ture qondaalota wayyaanee walgayii kana gaggeessaa jiran Abba Duula Gammadaa,Abdulqadir Huseen,Bakar Shaalee,Alamaayyoo Taganuu,Geetuu Wayyeessaa,Mohaammad Tusaa wal duraa duubaan irratti dhiyaata jiru deebii kan hin arganne gaaffiwwan akkaataa armaan gadiitiin dhiyaatee jira.
  1. Biyyattiin haaromsa irra jirti(transformation) yeroo jedhamu maal jechuudha? Maalinis madaalamee?
  2. Biyyattiin sochiin waggoota 40 fi 50moota keessatti gootu mootummaadhuma Wayyaaneetiinii? Moo mormitoota biraatiini? Wayyaaneen yoo itti fufe misoomnis itti fufa jechuudhaa?
  3. Hidhaan laga Abbayaa maaliif daangaa irratti ta’ee?
  4. Barattootii fi uumanni Oromoo gaaffii mirgaa yoo gaafate yakka tokko malee maaliif hidhamaa?
  5. ABOn akka dhaaba uumata Oroomoof falmu tokkotti dhaaba haqaa jedhamee maaliif hin ilaalamnee?
  6. Mootummaan Wayyaanee Ummata Oromoo hidhuu fi ajjeessuu fi lafa irraa buqisuun malee waan Oromoof gaarummaa hojjete maalfaatu jiraa?
  7. Qooddaan barnootaa maaliif jiraate? Keesssattuu socialiin %70,Naturalin ammo %30 maalif ta’ee?
  8. Mootummaan Wayyaanee waggaa 23 keessatti jijjiirama maalii uummata Oromoof fidee?
  9. Barattoota gaaffii mirgaa dhiyeessuu irratti lubbuudhaan wareegamanif maalif yaadannoon hin godhamuu?
  10. Barattoota Yuuniversitii irraa eebbifamani fi kanneen eebbifamuuf deemaniif maaltu yaadamaa jiraa?
  11. Keeyyanti 39 walitti bu’iinsa fi lubbuun baayenillee hedduu itti wareegamee jira kanaaf maaliif hin kaafamu yoo ka’u baate ammoo maaliif hin faayya’uu gaaffii dhugaa irratti hundaa’ee?
  12. Humni waraana biyyaa nagaa buusuuf jecha gara biyya alaatti maaliif ergama?kunis akkamiin ilaalamaa?
  13. Manni maxxansaa haqa irratti hundaa’e mootummaan wayyaanee cufee namoota kana hojjetanis biyyaa ariyee jira,dhiibbaa mootummaan wayyaanee irratti godhe yoo tahe qaamni mormitootaa ammoo maaliif isaan irratti dhiibbaa hin godhuu?
  14. Walgayiin yeroo ammaa gaggeeffama jiru waa’ee barattootaa qofamoo, waa’ee biyyaatimoo, waa’ee oromoo qofa irratti hundaa’eetii? Moo waa’ee sabaa fi sab-lammii hunda irratti xiyyeeffataa?
  15. Mootummaan wayyaanee dhiphina guddaa fi kisaaraa(gadibu’iinsa) keessa erga darbee booda waan ta’etti irra deebiidhaan maaliif tarkaanfii fudhataa? Rakkoo dhufu keessatti maalif dursee of qopheessee haala mudatu keessatti of qopheessuu dhiise?
  16. Aangowonni olaanaa fooyya’oodha, yeroo ammaa mootummichi gandoota ijaarratee jirutu irratti wal qindeessee isa kuffisuu irratti argamu, mee bulchinsa godhu keessatti ilaalcha akkamii gandoota gurma’anii of ijaaranii jiran irratti qaba?
  17. Yuniversitiilee keessatti yaadaa dhiphaa fi fakkaattiidhaan kan deddebi’antu argamu,isaan kana adda baafachuudhaan akkamiin gorsaan, of tahuu irratti akka argama gochu dandeenya? Oromoo ta’anii saba biraa fakkaachuun kan jiraatan?
  18. Yuuniversitii keessatti seerri ittiin bulmaataa amantii irraa adda ta’ee utuu jiruu, bulchitoonnis kana utuu beekanii malaammaltummaa kan akka huccuu isaan kaaniif kennuun,isaan kaaniif ammo gargaaraa kennuun,haata’u malee yuuniversitii fi dhaabbilee barnootaa kamiin keessattiyyuu ilaalchi siyaasaa akkamiin gargar ta’ee?
  19. Barattootni kanaan dura rakkoo garagaraaf hidhaman maaliif hin hiikamanii? Murtoo akamiitu itti kennamee?
Gaaffiwwan kun deebii kan hin arganneedha jedhu kanneen walgayii kana irratti hirmaataa jiran,kun Hagayya gaafa 31kan ta’e yoo tahu fulbaana 2 irrattis gaaffiwwan ka’an kanatti aansinee kan dhiyeessinuudha

No comments:

Post a Comment