Hagayya 31,2014 Finfinnee
Fincila-Diddaa-GabrummaaWalgayiin barattootaa adeemsuma gaaffiwwan dhiyeessuutiin Yuuniversitii hunda irratti kan itti fufeedha. Yuuniversitiiwwan
Amboo,Wallagga,Jimmaa,Adaamaa fi kkf keessatti gaaffileen mirgaa dhiyaachaa jiran deebii argachu kan hin dandeenye ta’ullee ammas
barataan kam iyyuu walgayii irratti hirmaachaa kan jiran gaaffiin deebii argachuu qabuuuf deebii dhabuun isaa sodaa mootummaa Wayyaanee barattootaa irraa qabu tahuun isaa waan beekameef dabalata Yuuniversitiilee hunda irratti barataan kamuu mooraadhaa ala bahu akka hin dandeenye hanga guyyaan walgayiin kun xumuramuutti mootummaan murtoo kan baase tahuu gabaasni Qeerroo addeessa. Keessattuu Yuuniversitii Wallaggaa irratti barataan mooraadhaa ala bahuu hin danda’u jedhamee murtoon guyyoota sadii asitti waan baheef barattootni diddaa jabeessaa jiru.
Gaaffiin hin fuudhamu, dhimma guddina biyyaa fi qulqullina barumsaa irratti mareen barattootaa kan itti fufu malee gaaffii dhuunfaa fi dhimmi uummataa kana booda ka’uu hin qabu kan jedhus mootummaan Wayyaanee ibsa baasaa akka jiru gabaasni caasaa mootummaa irraanis ibsa. Walgayiin barattootaa guyyoota borus kan itti fufu waan ta’eef sochii fi fincilli barattootaa ammas haaluma wal fakkaatuun itti fufiinsa irra akka jirus qeerroon gabaasa.
Gama biraan mootummaan Wayyaanee Yuunivarsitii Harammayyaa keessatti walitti qabamuun ololaa afaan faajjii irratti gaggeessa jirtu mormuun Iyyaannoo marasaa 2ffaa kan gaaffii mirga abbaa biyyummaa qabxii 10 of irraa qabu galfachuun walga’ii wayyaanee fudhachaa akka hin jirre ibsatan. Mootummaan Wayyaanee maqaa walga’ii jedhuun Yuunibarsiitota Oromiyaa garaagaraa irratti xiyyeeffannoo addaa gochuun wayyaaneen FDG dargaggootni barattootni Oromoo bifa qindaa’een gaggeessa jiran dura
dhabbachuuf walga’ii gaaggeessa jiran irratti mormii fi FDG guddaa gaggeessuun balaaleeffachuu jabeessuun itti fufan keessattuu FDG marsaa 2ffaan akkuma FDG marsaa 1ffaa dhiha Oromiyaa irraa eegaluun Oromiyaa cufa irratti ilmaan Oromoo walcina dhaabbachuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa fininsaa jiran yeroo amman kanattis haaluma walfakkaatuun Yuunibarsiitiiwwaan Oromiyaa kanneen akka Amboo, Wallaggaa, Jimmaa, Maattuu,Adaamaa, Harammaayyaa, Maddaa Walaabuu, Bulee Horaa, fi Dirree Dawwaa keessatti goototni dargaggootni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa kaachisuun FDG gaggeessuun mootummaa Wayyaanee qaanessan.