Wednesday, September 17, 2014

Ibsa ejjannoo hirmaattota kora 38ffaa TBOJ


Fulbaana 17, 2014
unnamedKora 38ffaa Tokkummaa Barattoota Oromoo Jarmanii(TBOJ)Fulbaana 14 bara 2014 Sa’a booda saatii 12:15 irraa egalee waaree booda amma saatii 18:30 magaalaa Frankfurt, galma Universitii Joon Volfigaang kessatti eggefame. Kaayyoon waliga‘ii:- 1ffaa haala qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) yeroo ammaa irratti mariiyatuun hubannoo siyasaa argatuu fi 2ffaa raawii hojii TBOJ/UOSG Caayaa ABO Onkoololeessa 6 bara 2012 amma Fulbaana14 2014 gamaagamun booda koree hojii geggesitu (KHG) gadaa ittii aanuu filachuudha. Walga‘iin ergaa Eeebbaa Manguddoo Oromoottin tahe boode, faaruu Alaabaa Oromiyaan akkasumas Jaallan QBO irrati otto falmanuu kufaniif yaadannoo godhun banamee. Hogganaa olaanaa ABO mata duree bara 1990 asi “QBO” ABOn gageefamu maal akka akkaatu fi maal keessa akka darbe fi amma hoo ABO maal akka gochaa jiru akkasumas WBOn maal gochaa akka jiru irratti Ibsaa balaa Miseensoota TBOJ/UOSG kennaniruu. Mata duree kana irratti gaaffii fi deebiin akkasumas Yaada Ijaaroo tahan balinaan kennaniruu. Itti-aansuun gabaasaan raawii hojii Onkoololeessa bara 2012 haga Fulbaana 14 -2014 KHG TBOJ fi KHG damilee TBOJ irraa hirmaatota waliga‘iif dhiyaate. Gabaasaa gamaagamuu fi raggaasisun booda KHG gadaa ittii aanuu filachuu fi ibsa Ijjannoo baafatun sagantaan koraa 38ffaa TBOJ milkiin xumurameera.

No comments:

Post a Comment