Saturday, September 20, 2014

Maalan Himadha…..?

Duubee Bilisaarraa | Fulbaana 20, 2014
Akka sadarakaa/ life expectancy/ Afirikaatti umriin jiraachuu danda’u keessaa 2/3 fixeen jira. Gabaabaatti haraka 3 keessaa 2 gubeen jiraa jechuu dha.Ammaan achi yoo akkam baayyate kanan lafa kanarra jiraadhu waggoota kurna lama hin caalu!.Umriin waa heddu keessatti hojjechuu danda’u, umriin dargaggummaa, umriin qeerruummaa koo, umriin waanan barbaade ari’ee qabu, dheessees jalaa bahuu itti danada’u nagatee sokkeera/kuteera. Umriin akka ibiddaa laboobu;inni fuudhanii itti dhalchan, inni hojjetanii itti durooman,umriin baratanii hayyuu itti ta’an kunoo osuman ilaaluu nadhiisee tare.
Ooooo…..! Dargaggummaa! Oooooo..! Qeerrummaa! Essattan argee sideebisa… essattan argee dhiifama sigaafadha!? Bara dargaggummaa yeroon humna qabu, yeroon qeerroo ture; qotee mindhaan Gumbii guutee gadadoo keessaa hin bane, daladalee kuma hin lakkoofne, bardhee hayyuu hin taane, Ilma goota dhalchee “abbaa abaluu” hin jedhamne, O…. Umrii tooooooooo….. umrii faayidaa malee kutte…! Akka hir’oota kootii dirree qabsootti aragamee diina kuffise hin kufne, saba kootif jedhee shafoo diinaatin hin dhiitamne, rasaasa diinaatin hin madoofne, mana hidhaa diinaa seenee saba kootif jecha hin beeloofne, hin dheebonne, iddoo tokkottuu maqaan koo galmee gootota Oromoo keessa hin jiru. kunoo Osuman burjaajwuu fi ergaramuuumriikoo keessaa harka lama bilaashatti daaressee gadaa xumuraa eegaleera.
Ani bade…..ilma dhiiraa…! Dhalate… jiraate…. Du’e….!nama ta’anii dhalatanii akkas tahuun nama hin gubu/ nama hin waadduu …? Nama hin qaaneessuu..maalifan dhaladhe nama hin jechisiisuu…? umrii……. bilaashatti bade!
Ennaan Raadiyoo SBO jedhamu dhaggeeffadhu, ennaan Televiziyoonii OMN jedhamu daawwadhu, yeroon Raadiyoo Sagalee Oromoo jedhu caqasu, gaafan Raadiyoo Afuura biyyaa fi Sinbirtuu jedhaman ordofe, Guyyaan Marsaa ABO saaqee ilaale, waytan marsaalee ONA/ Oromo national academy/,www.gadaa.com,www.ayyaantuu.com,www.qeerroo.comsaaqee dubbise; baroonnin ani jiraadhe,umriin ani jiraadhe jedhee himadhu baroota akka Hurrii muldhatanii daraban, umrii deebi’anii qabuu hin dandeenye, yeroo bilshatti gubate ta’uu na hubachisu. Caalaattan jireenyin ani jiraachaa ture,jireenya gatii hin qabne akka ture naaf mirkaneessu. Raga natti bahu! Iyyanii… halakan hirriiba… guyyaa teessuma na dhorku…….gaafii walirraa hin ncinne akkan of gaafadhu nataasisu..?!
Ooooooo…..jireenya koo ….!!! jireenya akka bishaanii yaa’ee darbe..! Wantiin ani miidiyaalee kanarraa caqasuu, Ordofuu fi dubbisu hunduu jaagamaa akka kiyyaa kana saaxiluuf kan dhaabbatan natti fakkaatu. Nama akka kiyyaa isa umrii isaa Aduu oo’ifachuun waadee fixe ilaala baasuuf kan muratanii ka’an natti fakkaatu. Yoon miidiyaalee kanarraan gootoota isaan dhiheessan argu, sagalee dhagahu, seenaa isaanii dubbisu umriin odoon asiif achi deemee odeessuu fi taa’ee muguu dabarsetu ija dura nadhufa.
Gaafan oolmaa goototaa karaa miidiyaalee kanaa tamsa’an caqase, Ordofee fi dubbise halakan hirriibni naqqabu, wareeratan bula. Miidiyaalee kana akka carraa ennaan bane seenaa gootota Oromootan arga, seenaa gootoota Oromootan dhagaha. Seenaa Gootota Oromootan dubbisa. Seenaa isaanii kana jireenyan dabrse waliinan wal bira qabee ilaala. Guyyaa kana; biiftuun naaf hin dhiitu,midhaan naaf hin nyaatamu. Miizana goototaarra ennaan of kaa’u Giraama takkalleen guutuu dadhab. Amma Huubaalleen ulfaachuu dadhaba!, Gaaf… gaaftaa’eetan“ani eenyu…, dhuguma ani namaa…?jedheen of gaafadha, namummaakoonof shakka! Deebiseen ammoo “kunoo nama taanan kottee lamaan deemaa mitii? Jedheen of jajjabeessa!. Yoosuun ammoo deebisee “ergan nama ta’ee maafan akkuma gotota Oromoo seenaan isaanii karaa midiyaalee adda addaa tamsa’u kana; kiyyas “Gooticha Oromoo iddoo akkanaa fi akkasiittii diina osoo falmuu diina kuffisee kufe” jedhamee guyyaa tokoofilleen ta’u, guyyaan haa hafuu sa’aa tokkoofilleen ta’u, Sa’aatumtuu hafee daqiiqaa takkaafilleen ta’u leellifamuu dadhabe….? Maafan gooticha seenaa hojjete jedhamee hin faarfamnee…” jedheen deebisee of tuffadha!.
Afaan tabba hin qabuufan jedha malee maaltu lafa duwwaatti nama faarsa jettaniitii…? Ani bakka goonni oolu oolee hin beeku, umriikoo harka lamaa fi sanaa ol kanan fixe gatii malee dha, oduu fi Aduutti! O!……. Umrii too … Jaagamuu malee kan firiin irraa hin argamin…….! umrii akka dhadhaa ibidda buu’ee baqaxee bade!…Umriibadheetti nagattee sokkite! O!……….umrii lammii hin ta’in, umrii anaa hin tain……..Lammata eessattan si arga laata…..? “…..Maal osoon godhuu nadhiiftee kutte..?” jedheen himadha laata..?
Maal godhu….“Eegee fi gaabbiin booda oolti !” jedha mitiiree Oromoon yoo mammaaku! Anis akkasuman ta’e.!  Baradhee barnootaan ummata koo hin gargaarre…., qotee gumbii guutee ummatakoo beela hin baafne, ilma lammiif tajaajilu dhalchee abbaa abaluu hin jedhamne, dirree goonni itti aragamutti argamee goota waliin diina kuffisee hin kufne,
O….! kuni “ani ilma Oromooti” nama jedhuuf qaanidha! Akkamittan qaanii kana keessaa baha laata..yaa lammiikoo….?
Osoon akka gootota karaa SBO, OMN arginuu fi dhageenyuu, osoon akkuma gootota Oromoo seenaa isaanii karaa weebsaayitiilee Oromoodubbifnuu umriikoo bilaashatti gube san keessatti seenaa xiqqooshii saba koo; ummata Oromootif dalagee jiraadhee har’a silaa nama qaanii hin ta’uun ture. Osoon akka gootota sanii kuffisee kufee jiraadhee, osoon diina tokko madeessee hidhamee jiraadhee……., Osoon gaaf tokkoofilleen baqataa Oromoo biyya ambaa keessatti Cabbii, Roobaa fi Aduu keessa ejjetee mirga Oromootif falamu waliin falmee jiraadhee galmee gootota Oromoo keessatti maqaan koo katabama ture. Ilmoon, ilmoo kootituu maqaa kootin boonti. “Abbaan isaa….., Akaakayyuun isaa…… goota Oromoo bilisa baasuuf diina kuffisee kufeedha jedhamti turte!!!
………Maal godhuree ani bakka goonni oole, oolee hin beeku! …………………….Daandiin irra deemaa as gahee duwwaadha! Gaafan seenaa gotoota Oromoo bilisumma Oromoof jecha qaamaa hirdhatan, dhigni isaanii dhangalahe, eessa buuteen isaanii dhabamee fi diinaan mana hidhaa garagaraatti dararamaa turanii fi jiran arguu fi dhagahu; Anaa fi gootota bilisummaa Oromoof kuffisanii kufaan kan gidduu garaagarummaa jirun safara. Ani hubarra salphadha, baalarran haphadha. Umrii koo ciisee -ka’uutti fixuun koo na guba….., nawaadda…,Nagaabbisiisa……,Afittan qaanawa….! Halakan hirriba keessaa nadamaqasa….na tabraarsisaa bula. Afuurri tokko dhufeet “deemsa gatii hin qabne….., jireenya burjaajawaa, umrii seenaa malee dhumte…..ammas numa rafataa … hin kaatuu …? naan jedheet ija natti babaasa…., takkatuu ammoo natti kolfee badheetti nagatee Farad isaa Daamaa yaabbatee gulufee ilaala qaari’a.
Afuurri habjuu fakkaatee anumaa gadi ciise galagala yeroo maraa natti dhufee na weerarsu kun irra deddeebi’eet “Qabeenya kee qabsoo bilisummaa saba keetiif hin gumaachitu…! Beekumsa kee hin qoodne…..! Humna keetin hin hirmaattu.. Diinatti rasaasa takka hin dhukaafne….!….. sabboontoota waliin hiriira baatee diina balaaleffattee hin beektu!…. Ati eenyu …nama akkamiitii…?akkamittii dhiigini saba keetii kan diinaan dhangalahaa oolu sitti hin dhagahamne ………?Boruu sigaabbisiisa….! Gaafa ummanni kee bilisoome maal himatta….? Eessan ture jetta..? Umrii kootti maalan saba kootifi dalgae jette ilmoo keetti himta…?Ani Oromoo dha jechuu keetti qaanawuu qabda……!…..Ka’i hin ciisiin ….. dammaqi….bakka goonni oolu, ooli, …….kan darbeetti gaabbuun siga’a…ka’i amma! ….falamadhu mirga kee…..yaadadhu lammiikee…..Jedheet……Farda isaa Daamaa; isa allaattirra kaatu yaabbateet nagaattilleen osoo naan jedhiin nadhiiseekuta! O…….ani cinqamee du’e…! mee maal naawayya lammii koo..? mee maal haa godhu… maal nagorsitu…? Guyyaa Midiyaaleen Oromoo kun…., halakan ammoo abbaan farad daamaa kun hirriiba nadhorkaa jiru , mee akkam haata’u..?

No comments:

Post a Comment