Tuesday, September 16, 2014

Barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Science fi Technlogy Diddaa Kaasan.

Fulbaana 16,2014,Gabaasa Qeerroo Finfinnee
diddaa9Shira mootummaa Wayyaanee leenjii barattootaa jedhu irratti barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee damee Science fi Technlogy diddaa kaasan. Ergamaan Wayyaanee Shimallis Kamaal leenjisuuf ergamu sodaan miliqe.‏
Diddaan barattootaa bifa qindaaween sirna Wayyaanee irratti jabaachuudhaan kan itti fufe barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Science fi Technology mooraa Qillimxoo Aqaaqii keessaa leenjifamuuf waamaman diddaa kaasuun sirna EPRDF balaaleffatan.
Mootummaan Wayyaanee diddaa haalaan jabaachuudhaan itti fufe dura dhaabbachuuf olola wal irraa hin citne barattoota irratti oofuuf karorfattus milkii dhabuudhaan diddaan haala yeroo kamuu olitti jabaatee itti fufee jira. Mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee Qillimxoo Aqaaqii keessatti dabballeen wayyaanee Leenjisuuf bakka buufame Shimallis Kamaal diddaa barattootaa fi walgahii didanii bahuu barattootaan hedduu dhiphatee hatattamaan naannoo sanaa kan dhiphame yoo tahu, diddaa barattootaa kana dhaamsuuf waraanni Wayyaanee mooraa yuunivarsiitii kanaa marsuun tiksuu irratti argama. Mootummaan Wayyaanee gocha farrummaa hamaa gaggeessus diddaa wal irraa hin citneen akka itti fufan qeerroon Yuunivarsiitii Finfinnee addeessanii jiran.

No comments:

Post a Comment