BilisummaaGabaasa,Fulbaana 2,2014 Mootummaan fashistii EPRDF Wayyaneen aanaa Midaa Qanyiitti dargaggoota Oromoo sobaan yakkee hidhaa waan jiruuf haalli kun immoo uummata haalaan dheekkamsiisee ijoolleen keenya nuuf hiikamuu qabu jechuun uummatni FDG walga’ii Wayyaaneen sadarka gandoota baadiyyaa keessatti gaggeesitu irratti finciluun hanga ijjoolleen keenya hiikamtutti isin waliin hin dubbannu jechuun mormii jabeesse jira.
Haaluma kanaan Mootummaan Fashistii wayyaanee badii tokko malee ilmaan Oromoo kannee maqaan isaanii :
1. Barataa Tarreessaa Qajeelaa barataa kutaa 12ffaa m/b Ballammii sadarkaa 2ffaafi qophaa’ina.
2. Barataa Dheeressaa Tarfaa barataa kutaa 9ffaa m/b Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina.
3. Barataa Dirribii Mashoo barataa kutaa 9ffaa m/b Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina
4. Barataa Bilisummaa Kumsaa barataa kutaa 9ffaa M/b Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina
5. Barataa Getachoo Idoosaa barataa kutaa 12ffaa M/B sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina, barataan kun asiin fuldura bara 2011 hanga bara 2013tti mana hidhaa wayyaanee qaalitti keessatti kan dararama ture.
6. Barataa Taarikuu Deebisaa barataa kutaa 10ffaa M/b Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina , barataan kunis akkuma isa 1ffaa waggaasadiif (2011-2013)tti mana hidhaa qaallitii keessatti barattoota dararama turan.
7. Barataa Balaay Kuusaa barataa kutaa 12ffaa M/B Ballammii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina.
8. Barataa Biraanuu Cimdeessaa barataa kutaa 12ffaa M/b Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa
Kanneen jedhaman Fulbaana 1,2014 wajjiraa poolisii aanaa Midaa Qanyii magaalaa Baallammitti hidhamanii daraarama jiru.
Ergamtootni Wayyaanee barattoota kana irratti himannaa sobaa irratti qindeessuun FDG mootummaa keenya
irratti gaggeessitan jechuun himannaa dharaa irratti dhiheessanii jiru. Kanneen naannoo kanatti himannaa dharaa barattoota irratti dhiheessan keessaa :-
1. Sicaalaa Dheeressaa itti gaafatamaa waajjira nageenya aanaa Midaa Qanyii
2. Ballaxee Kumaa itti gaafatamaa waajjira daandii kanneen jedhaman
keessatti argamu.