Tuesday, September 9, 2014

Barattootni Yuunivarsiitii Addigiraat Diddaa Qabsiisuun Qondaalota Wayyaanee Dura Dhaabbatan!

Fulbaana 09,2014
Diddaan barattootaa haalaan jabaachuudhaan kan itti fufe Yuunivarsiitii Addigiraat keessatti Barattootni diddaa qabsiisuun itti fufan. Mulata Mallasaa galmaan geenya yaada jedhuun mootummaan wayyaanee barattoota kan walitti qabe yoommuu tahu barattootni gaaffiilee jajjaboo gaafachuudhaan wayyaanee dhiphina keessaa buusuun diddaa eegalanii jiran. Gaaffiileen kunneenis
1. Muldhati Mallasaa kun meeshaa ittiin uumata mookasan ta’uun uumati biyyattiin waan muldhata hin qabne fakkeesse kun hanga moom kana ta’aa?
2. Hanga yoomii Mootummaan wayyaanee uumata goyyomsaa haaka kanaan itti fufaa?
3. Barattootni barnoota xumuran maaliif hojii hin argatan?
4. Gibirri haalaan jabaate kaffalamaa jiru eessa dhaqe?
5. Mirgi sabootaa kabajamee keeyyati 39 maaliif hojii irra hin oolu
Kanneen jedhanii fi mirgi barattootaa haa kabajamu jechuun diddaa kan eegala yoo tahu, daballootni wayyaanee dura dhaabbachuu dadhabuudhaan waraana hedduumminaan bobbaasuudhaan barattoota doorsisuu irratti argamu. Keessumaa ilmaan Oromoo achitti argaman isintu kana kakaasa jechuun xiyyeeffannoo addaa keessa galchuun rakkisaa jiru. Barattootni gamtaan mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuu irratti argamu.

No comments:

Post a Comment