Wednesday, November 27, 2013

Anaa dhufuu barattoota Haarawaa Yuunivarsiitii Haramaayaa Irratti Qeerroon dhaamsa walii dabarsuun barattoota simate

Sadaasa 27,2013 Haromaya.
picture2Wayyaaneen TPLF  bittaa umrii isaa dheereffachuuf waan inni dalagaa ture ummata biratti guutuuttu balaaleffatamaa fi jibbiinsa horataa kan as gahe ta’uun beekama qaami hawaasaa hundii fi keessattuu dargaggoota Oromoon guutummaan dura dhaabbatamaa as gahe.Yuunivarsiitii Haramaayaa mooraa guddaa keessatti anaa dhufuu barattoota haaraa ilaalchisuun barattootni Oromoo sagalee diddaa dhageessisanii jiran. Barattoota haaraawaafis dhaamsa qeerroo waliin hiriiruu dabarsanii jiran. Qophii dhiyaateen walleewwan gootummaa fi sirbootni qabsoo kanneen akka sirba Eebbisaa Addunyaa sirbamanii jiran. Barattootni haaraan seenanis qophii qeerroon Yuunivarsiitii haramaayaa dhiyeesseen hedduu boonanii jiran. Qeerroowwan yuunivarsiitii kanaa diddaawwan mootummaa wayyaanee dhiphisan gaggeessaa as gahuun isaaniis ni yaadatama.
Gama kaaniin barruuleen warraaqsaa barattoota haarayaa dhufan kan kakaasuu fi dammaqsu garee qindoomina Qeerroo Yuuniversitii Haromaayaan akka raabsamaa fi maxxanfamaa ture gabaasi qeerroo ni addeessa.

No comments:

Post a Comment