Sadaasa 26,2013 Gabaasa Qeerroo Yuni Gondar

Gonder UniGaaffii mirgaa Oromoo fi addattis lafti Oromoo gurguramuu fi barattooti Yuuniversitiilee adda addaa irraa hidhamuun haadhabatu jechuun barattooti Oromoo diiddaa kaasuun wal qabatee Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo keessumaa ammoo barattoota Oromoo hidhaa fi ajjeesaa kan as gehe ammas ittuma fufuun Yuunivarsiitii Gondar keessatti barataa Oromoo ajjeesuu irraan eegalee heddumminaan hiraaresee hidhaatti naqaa jira. Barataan Oromoo Anteeneh jedhamu   barataa FBE marketing tahee waggaa sadaffaa baratu yakka tokko malee mooraa Yuunivarsiitii Gonder keessatti ajjeefamee jira. Barattootni Oromoo gumaa ilma keenyaa ni baafna jechuun diddaa dhageessisuu irratti argamu. Mooraan Yuunivarsiitii Gondaris diddaa kanaan guutamtee mootummaan Wayyaanee TPLF waraana hedduumminaan bobbaasuun dhiphina keessa galee jira.
Waraanni TPLF Yuuniversitichatti bobba’uun barattoota irratti rasaasa dhukaasuun diddaa dura dhaabbachaa jira. Wayyaaneen barattoota ajjeesaa, rasaasaan rukkutaa fi hidhaa as gahe itti fufuun gara jabinaan raawwachuu irraa diddaan jabaatee itti fufee jira. Haala kanaan Sadaasa 25,2013 barattoota Oromoo diddaa gaggeesitan sababa jedhuun hedduu hiraarsaanii kanneen diddicha qindeessitan jedhaman ammo nama 3 fi kanneen kaan hedduun gara mana hidhaa hin beekamneetti ukkaamsee fudhate,kanneen kunis:-
  1. Barataa Taarikuu Tolosaa veternary waggaa 4ffaa
  2. Barataa Teediroos Beezii barataa Veternary waggaa 4ffaa
  3. Barataa Teediroos barataa waggaa 4ffaa veternary dhalootaan naannoo Bishooftu
Kanneen jedhaman dabalatee barattootni hedduun mana hidhaatti ukkaamsamanii jiran. Barattooti Oromoo Yuuniversitii Goonder keessatti argaman kaanis  Ilmaan Oromoo martis iyya  keenya akka nuu dhageessan jechuun dabarfatanii jiru.
Gama kaaniin barattooti Oromoo mooraa Yuuniverstii keessaa bahanii magaala keessa deemuu fi afaan Oromoon haasawaa daandii irra deemuun sadarkaa sodaachisaa ta’etti yakka ta’ee akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.