Wednesday, November 20, 2013

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Hawaasaa Guyyaa FDG Sadaasa 9 Sirna Howwaan Kabajatan.

Sadaasa 9,013
Sadaasa  20,2013 Gabaasa QB-Hawaasaa

Yaadannoon FDG Sadaasa 9,2013 Yunivarsiitii Hawaasaa Kampaasii Awaadaatti sadaasa 17,2013 haala hoo’an yaadatamee oole.
Qeerroon Yunivarsiitii Hawaasaa kampaasii Awaadaa Oromoota jiraattota magaalaa Yirgaalam waliin ta’uun mooraa yuunivarsiitichaatin alatti haala hoo’an sagantaa isaanii dabarsanii jiru.
Tartiibni qophii sagantichaa akka itti aanutti qindaa’ee jira;
-Hirmaattota sagantichaatu iddoo qabate
-Mana keessaa qeerroon tokko olka’uun akkas jedhee saganticha jalqabsiise” kuun sagalee qeerroo oromoo yuunivarsiitii hawaasati amma sagantaan keenya jalqabee jira”
-Sagantaa dungoo qabsiifannaatu raawwatame
-Sagantichi eebba namoota sadiin baname
-Hundumtuu lafa taa’uu olka’eet gootota Oromoo osoo hadhaa qabsoo dhandhamanuu dirree irratti hafaniif daqiiqaa sadihii yaadannoo sammuu taasisan
-Haasawa baniinsa sagantichaatu taasifame walitti qabaa qeerroo yuunivarsiitichaa kan ta’e jaal Sabboonaa Roobatiin
Walitti qabaan qeerroo yuunivarsiitichaa akkas jechuun yaada jajjabinaa dubbate guyyaan kun akka mooraa keenyatti qofa osoo hin ta’in akka guutummaa oromiyaa fi idila addunyaatti waanta’eef hundumti keessanuu waggaa waggaadhan lafuma jirtanitti haala qajeelcha fi labsii ABOn baasun masakamtanii kabajuun dirqama oromummaa tokkoon tokkoon keessan irra jiru jedhe. Guyyaa kana sababeeffachuunis irbuu isaanii haaromfatanii jiru, akkasumas immoo koree hojii raawwachiiftuu haaraa namoota shan filatanii jiru.GABAASA QEERROO YUNIVARSIITII HAWAASAA

No comments:

Post a Comment