Friday, November 29, 2013

Barataa Sabboonaa Oromoo Yuuniversitii Gondar Keessatti Oromummaan Yakkamee Wareega Kafale.

Maqaa :-Anteeneh Asfawuu Leggesee

Bara Dhaloota isaa:-Fulbaana 1/1983 A.L.H tti.

Bakka Dhalootaa:- Godina Diillaa Aanaa Fissaah Gannat ganda 02.

Barataa Anteeneh Asfawuu LeggeseeBarataan kun akkuma ibsuuf yaalletti barataa Yuuniversitii Gondar,Marketing waggaa 3ffaa kan baratu barri inni yuuniversitii kana seene 2004/2012 yoo tahu kan xumuru waggaa kana 2006/2013 dha. Akkuma beekamu barataan kun guyyaa sadaasa 24/2013barattoota garee isaa department Marketing kan tahan barattoota 60 ol kan tahan waliin bakka Daashan Biiraa jedhamutti yeroo afeerraa godhatanii turani. Haata’u malee afeerraa qaban booda galgala keessaa sa’a 9:00 PM bakka itti afeerraa taasofatan kana irraa gara mooratti kan deebi’an yoo tahu barattootni oromoo addatti wal foo’uudhaan sirboota qabsoo kan dhageessisaa daandii gubbaa irra deemantu ture. Barattootni habashaa ammo iyya garmaleetiin naannoo jeequudhaan namoota daandii irra socho’an ille humnatti gargaaramuudhaan reebuudhaan socho’a akka turaniidha. Tahus barattootni oromoo sirboota qabsoo dhageessisaa daandii irraa yoo socho’an barattootni habashaa kunneen ammo iyyaa hedduu nama rifaasisuun jeequmsa uumanillee boroo Daashan Biiraa bakka bishaan Qahaa jedhamu ce’uudhaan ganda 18 akka gahaniin hidhattoota wayyaanee daandii irratti bobbahan irratti rukuttaa eegalan,hidhattootni wayyaanee kunis ilmaan habashaa jeequmsa uuman kana irratti kan xiyyeefatan osoo hin taanee barattoota oromoo sirba qabsoo dhageessisan kana irratti kan guddaa xiyyeefatanii fi warra ABO(ONEG) faarsu jechuudhaan dhukaasa irratti banana.Barataa adda duree tahee faaruu qabsoo oromoo dhageessisaa  ture barataa Anteneeh Asfawuu jedhamu kana irratti kallattumaan dugda isaa irra rasaasaan reebuudhaan barattoota isa waliin jiranis tamsaasani.Rukutamuun mucaa kanaa galgaluma guyyaa kanaa sa’a 9:30 PM irrattiidha.Kallattuma rasaasaan rukutameen gara Hospitaala mooraa yuuniversitii Gondaritti fudhatani, Hospitaala kanatti yaalamee maal irra akka jirullee dadhabamnaan gara Hospitaala Minilikitti geessani.Barataan kuni Hospitaala kanatti kan lubbuudhaan darbe yoo tahu guyyaa itti aanu Sadaasa 25 barataa du’e kanaan wal qabsiisanii barataan mooraa addatti ammo barattootni oromoo yuuniversitii kanatti argaman hunduu walii galatti baayinni isaanii 3000-4000 kan tahan daandii Hospitaala geessu irratti hiriira bahuudhaan “WE NEED FREEDOM” kan jedhu dhageessisaa turaniiru.
Akkasuma baratooti du’a sabboonticha Oromoo kanaan wal qabsiisee aarii fi dheekkamsa guddaa itti kaasuu irraan akkasumas gaaffii Oromoof deebiin qaama mootummaa irraa dhabamuun wal qabatee qabeenyaa mooraa yuuniversitii sanii kan mancaasan yoo tahu hanga har’aatti ilmaan Oromoo mooraa sana keessatti argamu barataas tahe,barumsa dhaabee, hojjetaas tahe hojii isaa dhaabee,barsiisaa mooraa saniis kan tahe Oromoon barsiisa dhaabee akka jiru yoo tahu ilmaan Habashootaa garuu barumsa isaanii deebi’anii akka jiranii fi tooftaan guyyaa kana uumames ilmaanuma Oromoo tooftaa hin beekamneen ficcisiisuu ture jedha maddi gabaasaa kanaa. Ilmaan Oromoo akkanatti dhiigi dhangala’ee hin hafu, guyyaa eeggata! barumsi nutti  hafee mirga saba keenyaa falmachuuf qabsoo itti fufna  jedhanii barattootni Oromoo hunduu barumsa malee akka jiran gabaasaan addeessa.
Injifannoon Uummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment