Wednesday, November 27, 2013

Barataan Oromo Marketing Waggaa 3ffaa Yuunivarsiitii Gondar keessatti Ajjeefamee fi Kanneen Kaan Hidhamuun Gaaffii Mirgaa Barattootaa Duubatti Hin Deebifne,FDG Dhaadatnoo” WE NEED FREEDOM” Jedhuun Itti Fufe.‏

Sadaasa 27,2013 Gabaasa Qeerroo Uni,Gonder
OromiaALutaContinua2011FDGWaraanni Wayyaanee TPLF Yuunivarsiitiiwwanii fi nanneen barnoota biyyattii keessa jiran rasaasaan tiksuu kan eegale umrii yeroo bittaa Wayyaanee waliin wal gita. Yuunivarsiitii Gondar keessattis waraanni Wayyaanee rasaasaan barattoota tiksu barataa Oromoo Anteenee Asfaw barataa Marketing waggaa sadaffaa rasaasaan kan ajjeesan yoommuu tahu barattootni gamtaan Bilisummaa barbaadna” WE NEED FREEDOM” dhaadannoo jedhu dhageessisuu irratti argaman.
Mootummaan abbaa irree Wayyaaneen humnaan diddaa kana dura dhaabbachuuf yaaluun barattoota hedduumminaan mana hidhaatti ukkaamsus yeroo ammaa kana barattootni daran diddaa jabeessuun barattootni kanneen hidhaman haa hiikaman jechuun sagalee isaanii dhageessisuu irratti argamu. Qondaalotii fi bulchitooti Mootummaan Wayyaanees kutannaa barattootaan kan baarage gaaffiiwwan mirgaa kana kaastu taanaan nyaata isin dhorkina jedhus barattootni Oromoo gamtaan dhaadannoo hidhamtootni haa hiikaman jedhu yuunivarsiitiilee keessatti maxxansuun diddaa itti fufanii jiran. Ilmaan Oromoo marti, barattootni hundi carraan rasaasaan ajjeefamuu waan nu eeggatuuf akka mirga ofii mirkanfachuuf ka’anis Qeerroon Yuunivarsiitii Gondar dhaammatanii jitan.

No comments:

Post a Comment